LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp18 Lakk. 2 ful. 10-11
  • Abdiiwwan Gara Fuulduraatti Raawwataman

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Abdiiwwan Gara Fuulduraatti Raawwataman
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “FIIXAAN NI BAASA”
  • Michoonni Waaqayyoo Jannata Keessa Jiraatu
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Rakkina Addunyaa Maraatiif Furmaata Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mulʼata 21:4—“Inni Imimmaan Hundumaa Ija Isaanii Irraa ni Haqa”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu
    Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
wp18 Lakk. 2 ful. 10-11
Namichi tokko gaarreen ilaalaa jira

Abdiiwwan Gara Fuulduraatti Raawwataman

Akkuma Yesuus raajiidhaan dubbatetti misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo guutummaa lafaarratti lallabamaa jira. (Maatewos 24:14) Kitaabni Daaniʼel inni kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼe, Mootummaan kun bulchiinsa Waaqayyoo akka taʼe ibsa. Daaniʼel boqonnaan 2 raajii bulchiinsota ykn mootummoota ilmaan namootaarratti olaantummaa qabanii fi Baabilon ishii duriirraa jalqabee hamma bara keenyaatti walitti aansuudhaan kaʼan tokko tokko ibsu qabateera. Wanta gara fuulduraatti taʼu ilaalchisee lakkoofsi 44 akkana jedha:

“Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko ni hundeessa. Mootummaan kunis saba kan biraa kamitti iyyuu dabarfamee hin kennamu. Innis mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.”

Raajiin kunii fi raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kan biroon Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa hunda akka bakka buʼu, akkasumas namoota lafarra jiraataniif tasgabbii fi nagaa akka fidu ibsu. Mootummaa sana jalatti jireenyi maal fakkaata? Abdiiwwan dinqisiisoon yeroo dhihootti raawwataman tokko tokko gaditti ibsamaniiru.

  • Harka wal qabatee jiru

    WARAANNI HIN JIRAATU

    Faarfannaa 46:9: “[Waaqayyo] guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa. Iddaa ni cabsa, eeboos ni hurreessa; gaariiwwan fardaa waraanaas ibiddaan ni guba.”

    Maallaqnii fi beekumsi yeroo ammaatti meeshaalee waraanaa kalaquuf oolu hundi namoota ajjeesuu mannaa faayidaa namootaatiif utuu oolee, addunyaan maal akka fakkaatu mee yaadi! Abdiin kun Mootummaa Waaqayyoo jalatti guutummaatti raawwatama.

  • Nama ol baʼaa jiru

    DHUKKUBNI HIN JIRAATU

    Isaayyaas 33:24: “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.”

    Mee addunyaan namni dhukkuba onnee, kaansarii, busaa ykn dhukkuba kan biraatiin dararamu tokkollee keessa hin jirre maal akka fakkaatu yaadi. Yeroo sanatti manni yaalaa fi qorichi hin barbaachisu. Namoonni gara fuulduraatti lafarra jiraatan hundi fayyaa guutuu qabaatu.

  • Midhaan

    HANQINNI NYAATAA HIN JIRAATU

    Faarfannaa 72:16: “Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata; fiixee gaarotaa irrattis irraa hafaa ni taʼa.”

    Lafti nyaata gaʼaa nama hundaaf gaʼu argamsiisti, namni hundis nyaata ni argata. Beellis taʼe hanqinni nyaata madaalamaa hin jiraatu.

  • Dhiira, dubartii fi mucaa

    DHIPHINNI, GADDII FI DUUTI HIN JIRAATU

    Mulʼata 21:4: “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”

    Kana jechuun lafa jannata taaterra mudaa malee barabaraaf jiraanna jechuudha! Kun waadaa Uumaan keenya Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe nuuf galedha.

“FIIXAAN NI BAASA”

Abdiiwwan kun hundi abjuu akka taʼan sitti dhagaʼamaa? Namoonni hedduun jireenyi Kitaaba Qulqulluu keessatti waadaa galame kan nama gammachiisu taʼuu isaa kan amanan taʼus, sababa garaa garaatiin kan kaʼe yaada barabaraaf jiraachuu jedhu hubachuun isaanitti ulfaata. Namni jireenya akkasii jiraatee beekuu fi waaʼee isaa nutti himuu dandaʼu waan hin jirreef, kun taʼuun isaa nama hin dinqisiisu.

Ilmaan namootaa yeroo dheeraadhaaf garbummaa cubbuu fi duʼaa jalatti gaddaan, dhiphinaa fi rakkinaan dararamaa waan turaniif, namoonni hedduun wantoota kana kutaa jireenyaa baramaa taʼan godhanii fudhataniiru. Kaayyoon Uumaan keenya Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu garuu kanarraa baayʼee addadha.

Waaqayyo waadaan inni gale hundi guutummaatti akka raawwatamu akka hubannu nu gargaaruuf akkana jedheera: “Dhugumaan wantan itti gammadu ni raawwata, wantan itti isa erges fiixaan ni baasa malee akkanumaan gara kootti hin deebiʼu.”—Isaayyaas 55:11.

Kitaaba Qulqulluu keessatti Yihowaan Waaqa “sobuu hin dandeenye” akka taʼe ibsameera. (Tiitoo 1:2) Waaqayyo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wantoota dinqisiisoo kana hunda akka raawwatu waadaa waan galeef, gaaffilee kanneenirratti yaaduu qabna: Dhuguma ilmaan namootaa lafa Jannata taaterra barabaraaf jiraachuu ni dandaʼuu? Abdii Waaqayyo kennerraa fayyadamuuf maal gochuu qabna? Mata dureewwan itti aanan gaaffilee kanaaf deebii kennu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi