LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w18 Bitootessa ful. 13
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Fakkeenya Phaawulos Hordofuudhaan Karaa Hafuuraa Guddina Argisiisi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • ‘Ani Dhiiga Nama Hundumaa Irraa Qulqulluudha’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Yihowaan Gargaaraa Keessan Waan Taʼeef Ija Jabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
w18 Bitootessa ful. 13
Phaawulos ergamaa

Gaaffii Dubbistootaa

Dhugaa Baatonni Yihowaa Phaawulos ergamaan mataa moluu ykn rifeensa xinnoo akka qabu godhanii fakkii isaa kan kaasan maaliifi?

Dhugaa dubbachuuf, yeroo ammaatti namni Phaawulos kana fakkaata jedhee mirkanaaʼaa taʼee dubbachuu dandaʼu hin jiru. Fakkiiwwan barreeffamoota keenya irratti baʼan argannoo arkiʼooloojii mirkaneeffame irratti utuu hin taʼin, wanta namoonni fakkii kaasan hojjetan irratti kan hundaaʼani dha.

Haa taʼu malee, wantoonni Phaawulos maal akka fakkaatu argisiisan tokko tokko jiru. Fakkeenyaaf, Masaraan Eegumsaa Xiyoon Bitootessa 1, 1902 isa tokko yommuu ibsu akkana jedhee ture: “Phaawulos kana fakkaata ture: . . . Kitaaba ‘Acts of Paul and Thecla’ . . . jedhamuu fi naannoo Dh.K.D. bara 150 waaʼee Phaawulos barreeffame keessatti, tarii isa hunda caaluu fi duudhaa dhugaa irratti kan hundaaʼe taʼuu dandaʼa. As irratti Phaawulos ‘gabaabaa, miilli isaa kan gargar jalʼate (bandy-legged), furdaa fi nyaarri isaa wal qabataa akka taʼe ibsameera; funyaan isaa garuu hamma tokko dheeraa dha.’”

Galmee jechootaa The Oxford Dictionary of the Christian Church (maxxansa 1997) jedhamu waaʼee kitaaba durii kanaa akkana jedheera: “Kitaabni ‘Acts of Paul and Thecla’ jedhamu hamma tokko seenaa dhugaa qabateera jechuun ni dandaʼama.” Kitaabni ‘Acts of Paul and Thecla’ jedhamu jaarraa jalqabaatti bakki guddaan ni kennamaaf ture. Kunis barreeffamoota Afaan Giriikii harkaan barreeffaman 80 fi afaan kan biraatti hiikaman jiraachuu isaaniitiin mirkanaaʼeera. Kanaaf, fakkiin Phaawulos barreeffamoota keenya irratti baasnu, inni maal akka fakkaatu ilaalchisee yaada barreeffama durii irra jiruu wajjin kan wal simu dha.

Taʼus bifa Phaawulos caalaa wantoonni barbaachisaa taʼan kan biroon akka jiran yaadachuu qabna. Yommuu Phaawulos tajaajila isaa raawwachaa turetti illee, qeeqxonni tokko tokko tuffiidhaan “qaamni isaa . . . dadhabaa dha, dubbiin isaas tuffatamaa dha” jedhanii turan. (2 Qor. 10:10) Wanti dagachuu hin qabne garuu, inni Kiristiyaana kan taʼe Yesuus dinqiidhaan erga isatti mulʼatee booda ture. Kana malees, wanta Phaawulos ‘saboota duratti maqaa Yesuus baachuudhaan Kiristoosiif miʼa filatamaa’ taʼuudhaan raawwate yaadachuu qabna. (HoE. 9:3-5, 15; 22:6-8) Akkasumas kutaawwan Kitaaba Qulqulluu Yihowaan geggeessaa hafuura isaatiin Phaawulos akka barreessu godhe irraa faayidaa hangamii akka argannu yaadaa.

Phaawulos ergamaa

Phaawulos Kiristiyaana taʼuu isaa dura wantoota raawwatetti of hin jajne, waaʼee bifa isaas hin ibsine. (HoE. 26:4, 5; Filp. 3:4-6) Kanaa mannaa, “[Ani] nama ergamoota hundumaatii gad taʼee fi ergamaa jedhamee waamamuun anaaf hin malle dha” jedheera. (1 Qor. 15:9) Yeroo booda akkana jedhee barreesseera: “Gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan kun ana isa nama qulqulloota hunda irraa gad taʼeef kenname; kunis kan taʼe, ani misiraachoo waaʼee eebba Kiristoos isa hangana hin jedhamne sanaa warra Yihudoota hin taaneef akkan labsuufi.” (Efe. 3:8) Ergaan kun waaʼee bifa Phaawulos yaaddaʼuu caalaa iddoo guddaa akka qabu beekamaa dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi