Bulchiinsa Waaqayyoo jalatti uumamawwan hundi tokkummaa fi nagaa qabu turan
Mootummaan Waaqayyoo kan Nu Barbaachisu Maaliifi?
Jalqaba seenaa ilmaan namootaarratti Uumaan keenya inni Yihowaa jedhamu kophaa isaa Bulchaa ture. Inni karaa jaalala qabeessa taʼeen bulcha. Ilmaan namootaa achi keessa akka jiraataniif Eedan keessatti iddoo biqiltuu bakka jireenyaa bareedaa taʼe qopheesse. Nyaata hedduus isaaniif kenne. Kana malees, ilmaan namootaatiif hojii gammachuu argamsiisu kenneera. (Uumama 1:28, 29; 2:8, 15) Ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyoo isa jaalalarratti hundaaʼe jala jiraachuu isaanii itti fufaniiru utuu taʼee nagaa argatu turan.
Namoonni jalqabaa Waaqayyo Bulchaa isaanii akka taʼu hin barbaanne
Kitaabni Qulqulluun maleekaan finciltuu taʼee fi yeroo booda Seexana jedhamee waamame, mirga Waaqayyo bulchuuf qabu akka morme ibsa. Ilmaan namootaa qajeelfamnii fi bulchiinsi Waaqayyoo utuu isaan hin barbaachisin gammadoo taʼuu akka dandaʼan dubbate. Kan nama gaddisiisu, warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaan akkuma Seexanaa aangoo Waaqayyoorratti fincilan.—Uumama 3:1-6; Mulʼata 12:9.
Addaamii fi Hewaan Waaqayyo Bulchaa isaanii akka taʼu waan hin barbaanneef, Jannata ishii mana isaanii taatee fi abdii fayyaa guutuu qabaatanii bara baraaf jiraachuu dhabaniiru. (Uumama 3:17-19) Murtoon isaanii ijoollee yeroo booda godhatanirrattis dhiibbaa geessiseera. Kitaabni Qulqulluun Addaam cubbuu hojjechuu isaatiin kan kaʼe, ‘cubbuun addunyaatti akka galee fi duutis karaa cubbuu akka dhufe’ dubbata. (Roomaa 5:12) Cubbuun miidhaa guddaa kan biraas geessiseera: “Namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti.” (Lallaba 8:9) Kana jechuun, ilmaan namootaa yommuu ofiin of bulchan rakkoowwan uumamuun isaanii hin oolu jechuudha.
BULCHIINSI NAMOOTAA NI JALQABE
Naamrud Yihowaarratti fincile
Kitaaba Qulqulluu keessatti namni yeroo jalqabaatiif namoota akka bulche ibsame Naamrudi. Naamrud bulchiinsa Yihowaarratti fincileera. Bara Naamrudirraa jalqabee, namoonni aangoo qaban karaa sirrii hin taaneen aangoo isaaniitti fayyadamaa turaniiru. Gara waggoota 3,000 dura Solomoon Mootichi, “Imimmaan warra hacuucamanii nan arge, kan isaan jajjabeessu tokko illees hin turre. Warri isaan hacuucan humna qabu turan” jedheera.—Lallaba 4:1.
Harʼas haalli isaa kanarraa adda miti. Bara 2009tti barreeffamni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tokko, “hawaasa keenya keessatti hammina hundumaatiif kaʼumsi isaa” bulchiinsa gaarii hin taane akka taʼetti ilaalamaa akka dhufe ibseera.
YEROON TARKAANFIIN ITTI FUDHATAMU DHIHAATEERA!
Ilmaan namootaa bulchitoonnii fi bulchiinsi gaariin isaan barbaachisa. Uumaan keenya nuu fiduuf waadaa kan gales kanuma!
Mootummoonni ilmaan namootaa gaariidha jedhamanillee, rakkoowwan guguddaa ilmaan namootaa hiikuu hin dandeenye
Waaqayyo Mootummaa ykn bulchiinsa tokko kan hundeesse yeroo taʼu, innis bulchiinsa ilmaan namootaa bakka buʼuudhaan “kophaa [isaa] bara baraaf ni dhaabbata.” (Daaniʼel 2:44) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman akka dhufu kadhachaa kan jiran Mootummaa kanadha. (Maatewos 6:9, 10) Haa taʼu malee, bulchaan mootummaa kanaa Waaqayyo miti. Kanaa mannaa, Waaqayyo qaama nama taʼee jiraate tokko Bulchaa godhee muudeera. Maarree, eenyuun filate?