LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/10 ful. 7
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2010
Tajaajila Mootummaa—2010
km 8/10 ful. 7

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiin kanaa gad jiru, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Hagayya 30, 2010 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamoota, gaaffilee irra deebii torban Adoolessa 5 hanga Guraandhala 23, 2010 jalqaburratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 20f irra deebicha geggeessa.

1. Kadhannaa Solomoon yeroo manni qulqullummaa eebbifametti dhiheesserratti xiinxaluun, hubannaa amala Yihowaa ilaalchisee qabnu kan nuu guddisu akkamitti? (1 Mot. 8:22-53) [w05 7/1 ful. 30 key. 3; it-2 ful. 989 key. 4]

2. Daawit balleessaa hedduu kan raawwate ta’uyyuu, Yihowaa wajjin ‘amanamummaadhaan’ deddeebi’eera jedhamuu kan danda’u maaliifi? (1 Mot. 9:4) [w97 5/1 ful. 5 key. 1-2]

3. Mootuun biyya Sheebaa, Solomooniin, “Hojjetoonni kee warri gurguddoonni warri yeroo hundaa sibira jiran, jecha kee isa ogummaadhaan guute yommuu dhaggeeffatan hammam haa gammadan!” kan jette maaliifi? (1 Mot. 10:4-8) [w99 11/1 ful. 20 key. 5-7]

4. Yihowaan, Abiiyaan ulfinaan akka awwaalamu ajajuusaarraa maal hubachuu dandeenya? (1 Mot. 14:13, hiika bara 1899) [cl ful. 293 key. 11]

5. Eliyaas gara Ahaab dhaquuf yeroo sana kan filate maaliifi? (1 Mot. 17:1) [w08 7/1 ful. 27, saanduqa]

6. Eliyaas, waa’ee ‘yaada walaallammii qabaachuu’ yeroo dubbatu maal jechuusaa ture? (1 Mot. 18:21) [w08 1/1 ful. 19 key. 2-3]

7. Akkuma haala Eliyaasirratti mul’ate, Yihowaan haala tajaajiltootasaa wajjin wal qabateen humnasaatti kan fayyadamu kaayyoo maalitiifi? (1 Mot. 19:1-12) [cl ful. 50 key. 15-16]

8. Naabot iddoo dhaabaa wayniisaa Ahaabitti gurguruu kan dide maaliifi? Haala kanarraa maal barachuu dandeenya? (1 Mot. 21:3) [w97 8/1 ful. 13 key. 18-20]

9. Dubartiin Shuneem Eliyaasiif kan “dadhabde” karaa kamiini? (2 Mot. 4:13) [w97 10/1 ful. 30 key. 6-8]

10. Eliyaas kennaa Na’amaan utuu hin fudhatin kan hafe maaliifi? (2 Mot. 5:15, 16) [w05 8/1 ful. 9 key. 2]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi