Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Onkoloolessa 31, 2011 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha.
1. Yaadachiisa Yihowaatti maxxanuu kan qabnu maaliifi? (Far. 119:60, 61) [w00-AM 12/1 ful. 14 key. 3]
2. Faarfannaa 133:1-3rraa maal baranna? [w06-AM 9/1 ful. 16 key. 3]
3. Yihowaan Daawitiin ‘qoree kan ilaale,’ akkasumas ‘karaa jireenyasaa hundumaa keessa kan beeke’ akkamitti? (Far. 139:1, 3) [w06-AM 9/1 ful. 16 key. 6; w93-AM 10/1 ful. 11 key. 6]
4. Yihowaan tajaajiltootasaa rakkina inni irraa isaan ‘oolchu’ ykn isaanirraa ‘ol kaasu’ maalfaʼi? (Far. 145:14) [w04-AM 1/15 ful. 17 key. 11]
5. Amalli namni Fakkeenya 6:12-14rratti ibsame waaʼee akka hin baasnetti akka ilaalamu isa godhe maalidha? [w00-AM 9/15 ful. 26 key. 5-6]
6. Namni yaada hubataa qabu ‘abboommii kan dhagaʼu’ maaliifi? (Fak. 10:8) [w01-AM 7/15 ful. 26 key. 1]
7. Namni hubataan deebii arrabsoof ykn ceephoo sirrii hin taane isarra gaʼuuf kennuun nama gowwaarraa adda kan taʼe akkamitti? (Fak. 12:16) [w03-AM 3/15 ful. 27 key. 3-4]
8. Ilaalcha sirrii qabaachuun keenya “guyyaan hundinuu cidha” akka nuu taʼu godha jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? (Fak. 15:15) [w06-AM 7/1 ful. 16 key. 6]
9. ‘Qalbii qabaachuun’ maalfaa dabalata? “Ofii isaa jaallata” jedhamuu kan dandaʼuhoo akkamitti? (Fak. 19:8) [w99-AM 7/1 ful. 18 key. 4; it-1-E ful. 1059 key. 1]
10. Hubannaan maatii nama tokkoof faayidaa argamsiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Fak. 24:3) [be ful. 32 key. 1; w06 9/15 ful. 27 key. 11]