LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/11 ful. 3
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2011
Tajaajila Mootummaa—2011
km 12/11 ful. 3

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Muddee 26, 2011 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha.

1. Gorsa Fakkeenya 30:32⁠rra jiru hojiirra oolchuun keenya, nama nu aarse caalaatti aarsuurraa of qusachuuf kan nu gargaaru akkamitti? [w87-E 5/15 ful. 30 key. 11]

2. Namni tokko wanta yaade guuttachuuf baayʼee dadhabuunsaa ‘gammachuu’ kan isaaf hin argamsiisne maaliifi? (Lal. 2:1) [g-AM 4/06 ful. 6 key. 1-2]

3. Namoonni tokko tokko yaanni Solomoon Lallaba 3:1-9⁠rratti dubbate ragaa hireetti amanuuf gargaarudha jedhanii kan yaadan taʼus, yaanni Solomoon Lallaba 9:11⁠rra [akka hiika bara 1899⁠tti] jiru wantoonni jireenya keessatti nu mudatan hundi dursee akka hin murteeffamne kan argisiisu akkamitti? [w09-AM 3/1 ful. 4 key. 4]

4. ‘Qajeelaa keessa baʼaa’ taʼuun balaa akkamii qaba? (Lal. 7:16) [w10 10/15 ful. 9 key. 8-9]

5. Yaanni Weedduu Weedduu Caalu 2:7⁠rra jiru namoonni gaaʼela godhachuuf yaadan nama hiriyaa gaaʼelaa isaaniif taʼu filachuuf akka hin ariifanne kan ibsu akkamitti? [w06-AM 11/15 ful. 19 key. 1; w80-E 4/15 ful. 19 key. 7]

6. Waaʼee durba Shulaam ilaachisee “hidhiin kee akka dhaaba dammaa nadhii coccophsa, arraba kee jalaas dammaa fi aannantu yaaʼa” jedhamuunsaa maal argisiisa? (Wed. 4:11) [w06-AM 11/15 ful. 19 key. 6]

7. Maqaawwan ulfinaa “Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa” jedhan, waaʼee Yesusiifi amala inni yeroo addunyaa haaraa bulchu argisiisu ilaalchisee maal nu hubachiisu? (Isa. 9:6) [w91-E 4/15 ful. 5 key. 7]

8. Yeroo harʼaatti saba Israaʼel ‘Waaqayyo aarii irraa qabutti’ kan fakkeeffame eenyudha? Yihowaan ishee balleessuuf akka ‘uleetti’ kan itti fayyadamuhoo eenyudha? (Isa. 10:5, 6) [ip-1-AM ful. 145 key. 4, 5; ful. 153 key. 20]

9. Raajiin Isaayaas Baabiloniin ilaalchisee “bara baraan namni ishee keessa hin jiraatu” jedhee dubbate kan nama dinqisiisu maaliifi? Raajiin kun raawwatamuunsaa yeroo harʼaatti amanannaa akkamii akka qabaannu nu godha? (Isa. 13:19, 20) [g-AM 11/07 ful. 9 key. 4, 5]

10. “Gooftummaa [“banaa,” hiika bara 1899] inni ittiin mana Daawit banu” Yesusiif kan kenname yoom ture? Bantuu sana maal gochuuf itti fayyadamaa jira? (Isa. 22:22) [w09 1/15 ful. 31 key. 2]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi