Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Ebla 29, 2013 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha. Mana barumsaa kanaaf torban torbaniin qophaaʼuuf akka gargaarutti, guyyaan barumsichi itti fudhatamu caqasameera.
1. Yesus, gaaʼela ilaalchisee Maarqos 10:6-9rratti yaadachiisa cimaa akkamii kenneera? [Bit. 4, w08 2/15 ful. 30 key. 8]
2. Lubbuu guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu jechuun maal jechuudha? (Mar. 12:30, hiika bara 1899) [Bit. 4, w97-AM 10/15 ful. 13 key. 4]
3. Wantoonni Maarqos 13:8rratti “jalqaba ciniinsuu” jedhaman maal argisiisu? [Bit. 11, w08 3/15 ful. 12 key. 2]
4. Luqaas yeroo Wangeelasaa barreessetti ragaawwan barreeffamaan argaman akkamii ilaalee ture? (Luq. 1:3) [Bit. 18, w09 3/15 ful. 32 key. 4]
5. Seexanni amanamummaa keenya qoruuf “yeroo mijaaʼaa” kan barbaadu taʼuusaa beekuun keenya maal gochuuf nu kakaasuu qaba? (Luq. 4:13, NW) [Bit. 25, w11 1/15 ful. 23 key. 10]
6. Yaada Luqaas 6:27, 28rratti argamu hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? [Bit. 25, w08 5/15 ful. 8 key. 4]
7. Yesus aarsa furii taʼee utuu hin duʼin dura dubartii tokkoof dhiifama gochuu kan dandaʼe akkamitti? (Luq. 7:37, 48) [Ebl. 1, w10 8/15 ful. 6-7]
8. Duuka buutonni Kiristos firootasaanii ‘kan jibban’ akkamitti? (Luq. 14:26, hiika bara 1899) [Ebl. 15, w08 3/15 ful. 32 key. 1; w92-AM 7/15 ful. 9 key. 3-5]
9. ‘Milikkinni biiftuu, jiʼaafi, urjootarratti’ mulʼachuunsaa ilmaan namootaarratti dhiibbaa akkamii geessisa? (Luq. 21:25) [Ebl. 22, w97-AM 4/1 ful. 15 key. 8-9]
10. Keessumaa rakkinni cimaan yeroo nu mudatu, kadhannaa ilaalchisee fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Luq. 22:44) [Ebl. 29, w07-AM 8/1 ful. 6 key. 2]