“Lafti midhaan baaseera, Waaqayyo gooftaan keenya nu eebbiseera.”—FAARFANNAA 67:6
Eebba Bara Baraa Uumaan Keenya Kennu Argadhu
Waaqayyo Abrahaam raajichaan sanyii isaa keessaa tokko ‘saba biyya lafaa hundumaatiif’ eebba akka argamsiisu waadaa galeera. (Uumama 22:18) Maarree sanyiin kun eenyu taʼe?
Gara waggaa 2,000 dura, Waaqayyo Yesuus isa sanyii Abrahaam taʼeef humna dinqiiwwan guguddaa taʼan raawwachuu isaaf kennee ture. Dinqiiwwan kunneen waadaan Abrahaamiif galame gara sabootaa kan dhufu karaa Yesuus taʼuu isaa argisiisu.—Galaatiyaa 3:14.
Dinqiiwwan Yesuus raawwate, namoonni inni isa Waaqayyo ilmaan namootaa eebbisuuf filate taʼuu isaa akka hubatan kan gargaaran turan, akkasumas Waaqayyo ilmaan namootaa bara baraaf eebbisuuf isatti kan fayyadamu akkamitti akka taʼe argisiisaniiru. Dinqiiwwan Yesuus raawwate amalawwan isaa warra namatti tolan tokko tokko kan argisiisan akkamitti akka taʼe hubadhu.
Ooʼa—Yesuus warra dhukkubsatan fayyiseera.
Yeroo tokko namni dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko Yesuus akka isa fayyisu gaafate. Yesuus isa tuquudhaan, “Nan fedha!” jedhee isaaf deebise. Namichis yeruma sana dhukkuba nadaayii sana irraa fayye.—Maarqos 1:40-42.
Arjummaa—Yesuus namoota beelaʼan nyaachiseera.
Yesuus namoonni akka beelaʼan hin barbaadu ture. Yeroo tokko caalaa daabboo fi qurxummii muraasa baayʼisee dinqiidhaan namoota kumaan lakkaaʼaman nyaachiseera. (Maatewos 14:17-21; 15:32-38) Hundumtuu nyaatanii erga quufanii booda nyaanni hedduun hafeera.
Gara laafina—Yesuus namoota duʼan duʼaa kaaseera.
Yesuus “baayʼee ishiidhaaf gaddee” ilma tokkicha dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi nama ishii gargaaru hin qabnee duʼaa kaaseera.—Luqaas 7:12-15.