LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w20 Waxabajjii ful. 17
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Hafuuraan Geggeeffamtanii Jiraachuuf’ Fedhii Qabduu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Hafuurri Waaqayyoo Akka Si Geggeessu Ni Heyyamtaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • “Ija Baay’ee Godhachuu” Keessan Itti Fufaa
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Erga Cuuphamtee Booda “Namummaa Haaraa” Uffachuu Kee Itti Fufi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
w20 Waxabajjii ful. 17

Gaaffii Dubbistootaa

“Firiin hafuuraa” amaloota Galaatiyaa 5:22, 23 irratti ibsaman qofadhaa?

  • JAALALA

  • GAMMACHUU

  • NAGAA

  • OBSA

  • GAARUMMAA

  • DANSUMMAA

  • AMANTII

  • GARRAAMUMMAA

  • OF TOʼACHUU

Caqasoonni kun amalawwan Kiristiyaanotaa sagal kan ibsan siʼa taʼu, yaadni isaa akkas jedha: “Firiin hafuuraa jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, dansummaa, amantii, garraamummaa fi of toʼachuu dha.” Haa taʼu malee, amaloonni gaggaariin hafuurri Waaqayyoo akka horannu nu gargaaru warra kana qofa akka taʼan yaaduu hin qabnu.

Phaawulos Ergamaan lakkoofsa caqasoota kana dura jiran irratti wanta dubbate qalbeeffadhaa: “Hojiiwwan foonii . . . halalummaa, xuraaʼummaa, addaggummaa, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, gocha hafuurota hamoo irratti hirmaachuu, diinummaa, lola, hinaaffaa, dheekkamsa, gargar baʼuu, wal qoqqooduu, garee amantii uumuu, goomachuu, machii, gadhiisii fi wantoota kana fakkaatani dha.” (Gal. 5:19-21) Kanaafuu, Phaawulos wantoota “hojiiwwan foonii” taʼan kaan kan akka Qolosaayis 3:5 irratti ibsamanii caqasuu dandaʼa ture. Haaluma wal fakkaatuun, amaloota gaggaarii taʼan sagal erga tarreessee booda, ‘Seerri wantoota akkasii dhowwu hin jiru’ jedheera. Kanaafuu, Phaawulos as irratti amaloota gargaarsa hafuura qulqulluutiin horachuu dandeenyu hundumaa ibsuuf yaalaa hin turre.

Wantoota Phaawulos as irratti tarreesse, warra inni gumii Efesooniif yommuu barreessu, “firiin ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa akaakuu hundumaa kan qabate dha” jechuudhaan ibse wajjin yommuu wal bira qabnu waaʼee kana hubachuu dandeenya. (Efe. 5: 8, 9) Eeyyee, ‘gaarummaan’ qajeelummaa fi dhugaa wajjin kutaa ‘firii ifaa’ ti, akkasumas kutaa ‘firii hafuuraa ti.’

Haaluma wal fakkaatun, Phaawulos Ergamaan Ximotewos, ‘qajeelummaa, Waaqayyoof buluu, amantii, jaalala, jabaatanii dhaabachuu fi garraamummaa’ jechuunis amaloota jaʼa akka hordofu isa gorseera. (1 Xim. 6:11) Amaloota kana keessaa kutaa ‘firii hafuuraa’ akka taʼan kan ibsaman sadii, jechuunis (amantii, jaalalaa fi garraamummaa) qofa dha. Haa taʼu malee, Ximotewos amaloota kaan kan akka qajeelummaa, Waaqayyoof buluu fi jabaatanii dhaabachuu jiran horachuufis gargaarsi hafuura qulqulluu isa barbaachisa.—Qolosaayis 3:12; 2 Pheexiros 1:5-7 wal bira qabi ilaali.

Kanaafuu, Galaatiyaa 5:22, 23 amaloota Kiristiyaanonni horachuu qaban hundumaa kan qabate miti. Hafuurri Waaqayyoo kutaa ‘firiiwwan hafuuraa’ salgan tarreeffaman horachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Haa taʼu malee, Kiristiyaana karaa hafuuraa gaʼumsa qabu taʼuu fi ‘namummaa haaraa isa fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame uffachuuf’ amaloonni horachuu qabnu dabalataas jiru.—Efe. 4:24.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi