LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w21 Onkoloolessa ful. 14-17
  • Michummaa Yihowaa Wajjin Qabdu Haareffadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Michummaa Yihowaa Wajjin Qabdu Haareffadhu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • RAKKOOWWAN SI MUDACHUU DANDAʼAN MAAL FAʼI?
  • GALMAWWAN BIRA GAʼUU DANDEESSU BAAFADHU
  • ABDII HIN KUTATIN!
  • ‘Jaarsolii Gumii Waammadhu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Yihowaan Iddoo Guddaa Siif Kenna!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Jaarsoliin, Fakkeenya Phaawulos Ergamaa Hordofuu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Yihowaan Yeroo Hundumaa Sii Wajjin Waan Jiruuf, Matumaa Kophaa Kee hin Taatu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
w21 Onkoloolessa ful. 14-17
Obboleessi tokko mana isaa diigame deebisee ijaaruuf yeroo fi humna barbaachisu irratti yaaduudhaan abdii kutatee jira.

Michummaa Yihowaa Wajjin Qabdu Haareffadhu

WAGGAA waggaadhaan hoolonni gatii guddaa qaban hedduun gara gumii Kiristiyaanaatti deebiʼaa jiru. Yeroo tokkoon tokkoon isaanii gara gumiitti deebiʼan “samii irratti gammachuu guddaan” akkamii akka jiraatu mee yaadi! (Luq. 15:7, 10) Gara gumiitti deebitetta yoo taʼe, Yesuus, maleekonnii fi Yihowaan deebitee dhugaa cinaa dhaabbachuu kee arguu isaaniitti baayʼee akka gammadan mirkanaaʼaa taʼi. Haa taʼu malee, michummaa Yihowaa wajjin qabdu haareffachuuf carraaqqii yeroo gootu, rakkoowwan tokko tokko si mudachuu dandaʼu. Isaan keessaa tokko tokko maal faʼi? Wanti haala isaa dandamachuuf si gargaaru hoo maali dha?

RAKKOOWWAN SI MUDACHUU DANDAʼAN MAAL FAʼI?

Obboloonni hedduun gara gumiitti erga deebiʼanii boodas abdii kutatu. Tarii miirri Daawit Mootichatti dhagaʼame siif gala taʼa. Daawit cubbuu isaatiif dhiifama erga argatee booda illee, “Dogoggorawwan koo na liqimsaniiru” jedheera. (Far. 40:12; 65:3) Namni tokko gara Yihowaatti erga deebiʼee boodas, waggoota hedduudhaaf miirri balleessaa ykn qaaniin isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Izaabeel ishiin waggaa 20 booda gara gumiitti deebite, “Yihowaan akka dhiifama naaf godhe amanuun baayʼee natti ulfaatee ture” jetteetti.a Abdii yoo kutatte ammas karaa hafuuraa deebitee dadhabuu dandeessa. (Fak. 24:10) Haalli akkasii akka si irra hin geenye carraaqqii godhi.

Warri kaan immoo, ‘Michummaan Yihowaa wajjin qabu haareffachuuf wanta gochuun na barbaachisu hundumaa raawwachuu hin dandaʼuu laata?’ jedhanii yaaddaʼu. Atwaan gara gumiitti erga deebiʼee booda, “Wantoota yeroon Dhugaa Baatuu Yihowaa turetti baradhee fi raawwachaa ture hedduu irraanfadheen ture” jedheera. Obboloonni tokko tokko miirri akkasii waan isaanitti dhagaʼamuuf sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaannaa guutuu gochuu irraa duubatti jedhu.

Fakkeenyaaf, namni manni isaa obomboleettiidhaan jalaa miidhame tokko yeroo fi humna mana sana deebisee ijaaruuf isa barbaachisu irratti yeroo yaadu abdii kutachuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, cubbuu cimaa raawwachuu keetiin kan kaʼe michummaan Yihowaa wajjin qabdu yoo si jalaa bade, michummaa kana haareffachuuf carraaqqii guddaa gochuun akka si barbaachisu sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, gargaarsa ni argatta.

Yihowaan affeerraa, “Kottaa, rakkina nu gidduutti uumameef furmaata haa kenninu” jedhu nuuf dhiheesseera. (Isa. 1:18) ‘Rakkina uumameef furmaata kennuuf’ jabaattee hojjetteetta. Yihowaan carraaqqii akkasii waan gooteef baayʼee sitti gammada. Mee yaadi: Yihowaan ati gara gumiitti waan deebiteef, Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneessuuf siin akka fakkeenyaatti ni fayyadama!—Fak. 27:11.

Gara Yihowaatti deebiʼuudhaan, isatti dhihaatteetta; innis akka sitti dhihaatu waadaa siif galeera. (Yaq. 4:8) Gara gumiitti deebiʼuu kee warri kaan arguun isaanii gaarii dha; taʼus, wanta kana irra caalu gochuu qabda. Jaalala Yihowaa isa Abbaa kee fi Michuu kee taʼeef qabdu cimsachuu kee itti fufuun si barbaachisa. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

GALMAWWAN BIRA GAʼUU DANDEESSU BAAFADHU

Galmawwan bira gaʼuu dandeessu baafachuuf yaali. Barumsawwan buʼuuraa waaʼee Yihowaa fi waadaawwan inni gale ilaalchisee baratte amma iyyuu ni yaadatta. Taʼus, barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuun si barbaachisa; fakkeenyaaf, yeroo hundumaa lallabuu, walgaʼii irratti argamuu fi obbolootaa fi obboleettota kee wajjin yeroo dabarsuu qabda. Mee galmawwan armaan gadii irratti yaadi.

Yeroo hundumaa Yihowaa haasofsiisi. Abbaan kee Yihowaan miirri balleessaa sitti dhagaʼamu kadhachuun ulfaataa akka sitti taʼu akka godhu beeka. (Rom. 8:26) Haa taʼu malee, michuu isaa taʼuuf fedhii cimaa akka qabdu isatti himuudhaan ‘kadhannaatti jabaadhu.’ (Rom. 12:12) Andiraan, “Miirri balleessaa cimaa fi qaaniin natti dhagaʼama ture. Haa taʼu malee, hammuman kadhannaa dhiheesse miirri kun naaf xiqqaachaa deeme. Amma caalaatti nagaa sammuu argadheera” jedheera. Maal jettee akka kadhattu hin beektu taanaan, kadhannaawwan Daawit Mootichi inni cubbuu isaa irraa yaada geddarate dhiheessee fi Faarfannaa 51 fi 65 irratti galmeeffame irratti yaadi.

Yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu qoʼadhu. Akkas gochuun kee karaa hafuuraa cimuu fi jaalala Yihowaaf qabdu guddifachuuf si gargaara. (Far. 19:7-11) Faalippaan akkana jedheera: “Jalqabas akkan dadhabuu fi Yihowaa akkan dhiisu kan na godhe, barsiifata hafuuraatiif dursa kennuu dhiisuu koo ti. Balleessaa koo irra deebiʼuu waanan hin barbaanneef, yeroo hundumaa qoʼannaa dhuunfaa gochuuf murteesseera.” Atis akkas gochuu dandeessa. Mata dureewwan qoʼannaa dhuunfaatiif itti fayyadamtu filachuun kan si rakkisu taanaan, obboleessa bilchina qabu gargaarsa gaafachuu dandeessa.

Michummaa obbolootaa fi obboleettota kee wajjin qabdu haareffadhu. Obboloonni gara gumiitti deebiʼan tokko tokko, ‘Warri kaan ilaalcha gaarii naaf hin qaban’ jedhanii yaaddaʼu. Laarisaan, “Baayʼeen qaanaʼa ture. Gumicha ganee akkan ture natti dhagaʼama. Miira kanaa wajjin yeroo dheeraadhaaf waldhaansoo gochaan ture” jetteetti. Yeroo karaa hafuuraa of haaromsuuf carraaqqii gootutti, jaarsolii fi obboloonni bilchina qaban si gargaaruu akka barbaadan mirkanaaʼaa taʼi. (Saanduqa, “Jaarsoliin Maal Gochuu Dandaʼu?” jedhu ilaali.) Isaan gara gumiitti deebiʼuu keetti baayʼee gammadaniiru, atis akka gammaddu barbaadu!—Fak. 17:17.

Gumichatti dhihaachuuf maaltu si gargaara? Wanta obboloonnii fi obboleettonni gochaa jiran gochuuf, jechuunis walgaʼii irratti argamuu fi yeroo hundumaa tajaajila irratti hirmaachuuf carraaqqii godhi. Akkana gochuun kee kan si fayyadu akkamitti? Fiiliksi akkana jedheera: “Gumichi hamman deebiʼutti hawwiidhaan na eegaa ture. Kanaafuu, akkan jaallatamu natti dhagaʼame. Hundi isaanii iyyuu deebiʼee kutaa maatichaa akkan taʼu, dhiifama akkan argadhe akka natti dhagaʼamuu fi Yihowaa tajaajiluu koo akkan itti fufu na gargaaraniiru.”—Saanduqa, “Maal Gochuu Dandeessa?” jedhu ilaali.

Maal Gochuu Dandeessa?

Kadhannaa, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu fi obbolootaa wajjin walitti qabamuu barsiifata godhadhu

Jaarsi gumii tokko obboleessa gara Yihowaatti deebiʼee wajjin kadhachaa jira.

YEROO HUNDUMAA YIHOWAA HAASOFSIISI

Michuu isaa taʼuuf fedhii cimaa akka qabdu Yihowaatti himi. Jaarsoliin siif kadhatu, sii wajjinis ni kadhatu

Jaarsi gumii tokko kitaaba “Yihowaatti Dhihaadhu” jedhamutti fayyadame obboleessa tokko qoʼachiisaa jira.

YEROO HUNDUMAA KITAABA QULQULLUU QOʼADHU

Karaa hafuuraa of soori; akkana gochuun kee jaalala Yihowaaf qabdu guddifachuuf si gargaara

Obboleessi kun iddoo affeerriitti obbolootaa wajjin haasaʼaa jira.

MICHUMMAA KEE HAAREFFADHU

Gumichaa wajjin walgaʼii irratti argamuu fi yeroo hundumaa tajaajila irratti hirmaachuuf carraaqqii godhi

ABDII HIN KUTATIN!

Seexanni yeroo michummaa Yihowaa wajjin qabdu haareffachuuf carraaqqii gootutti, si dadhabsiisuuf rakkoowwan dabalataa sitti fiduu isaa ittuma fufa. (Luq. 4:13) Michummaa Yihowaa wajjin qabdu ammuma cimsachuudhaan qophaaʼaa taʼi.

Yihowaan hoolota isaa ilaalchisee, “Isa bade nan barbaada; isa karaa irraa gore deebisee nan fida; isa miidhame huccuudhaan nan hidha; isa dadhabe nan cimsa” jedhee waadaa galeera. (His. 34:16) Yihowaan namoonni hedduun michummaa isaa wajjin qaban akka haareffatan gargaareera. Michummaa isaa wajjin qabdu cimsachuu kee akka itti fuftu siinis gargaaruu akka barbaadu mirkanaaʼaa taʼi.

Jaarsoliin Maal Gochuu Dandaʼu?

Jaarsi gumii sun obboleessa manni jalaa diigame sana mana isaa ijaaruu irratti isa gargaaraa jira.

Jaarsoliin babalʼistoonni gara gumiitti deebiʼan michummaa Yihowaa wajjin qaban akka haareffatan gargaaruu irratti shoora guddaa taphatu. Mee babalʼistoota gara gumiitti deebiʼan gargaaruuf maal gochuu akka dandaʼan haa ilaallu.

Isaan jajjabeessaa. Phaawulos ergamaan namni cubbuu isaa irraa yaada geddarate “gadda guddaadhaan [liqimfamuu]” akka dandaʼu beeka. (2 Qor. 2:7) Yeroo baayʼee qaaniin isatti dhagaʼamuu fi abdii kutachuu dandaʼa. Phaawulos gumicha, “Gaarummaadhaan dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuu qabdu” jechuudhaan gorseera. Obboloonni gara gumiitti deebiʼan Yihowaanii fi obboloonni isaanii baayʼee akka isaan jaallatan isaaniif mirkaneessuun keenya barbaachisaa dha. Yeroo hundumaa isaan galateeffachuu fi isaan gargaaruun keenya akka abdii hin kutanne isaan eega.

Isaan wajjin kadhadhaa. “Wawwaannaan nama qajeelaa humna qaba, namoota gargaaruus ni dandaʼa.” (Yaq. 5:16) Laarisaa ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Shakkii fi sodaa natti dhagaʼame jaarsoliittan hime. Isaanis naaf kadhatan. Akka kanaan jaarsoliin akka natti hin aarre nan hubadhe. Isaan michummaan Yihowaa wajjin qabu akkan haareffadhu na gargaaruu barbaadu.” Tiyoon immoo, “Kadhannaan jaarsolii Yihowaan dhugumaan akka na jaallatuu fi wanta gadhee qofa utuu hin taʼin, wanta gaariis akka na keessatti argu akkan amanu na gargaareera” jedheera.

Isaanitti michoomaa. Obboloonni gara gumiitti deebiʼan gumii keessaa michoota argachuun isaan barbaachisa. Jaarsi gumii Jastiin jedhamu, “Carraa argattanitti fayyadamaatii akka isinii wajjin tajaajilan isaan affeeraa; mana isaanii dhaqxanii isaan gaafachuus hin dagatinaa. Michoota isaaniif taʼuun keenya baayʼee barbaachisaa dha!” jedheera. Jaarsi gumii Henarii jedhamu immoo, “Obboloonni gumii keessa jiran kaan jaarsoliin babalʼistoota gara gumiitti deebiʼanitti michoomuu isaanii yeroo argan, isaanis akkasuma gochuuf kakaʼu” jedheera.

Akka qoʼatan isaan gargaaraa. Michuu gaariin tokko babalʼisaan gara gumiitti deebiʼe barsiifata qoʼannaa gaarii akka qabaatu gargaaruu dandaʼa. Jaarsi gumii Daarkoo jedhamu, “Barumsa gaggaarii qoʼannaa dhuunfaa koo irraa argadhe isaanitti himuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun akka na gammachiisu isaanitti argisiisuun natti tola. Mata duree nama jajjabeessu isaanii wajjin qoʼachuufis yeroo nan ramada” jedheera. Jaarsi gumii Kilaatan jedhamu immoo, “Seenaa Kitaaba Qulqulluu haala keessa jiranii wajjin wal fakkaatu akka dubbisan isaan nan jajjabeessa” jedheera.

Tika isaaniif godhaa. Babalʼistoonni gara gumiitti deebiʼan jaarsolii akka abbootii murtiitti ilaalaa turan. Amma garuu yeroo kam iyyuu caalaa, akka tiksitootaatti isaan ilaaluun isaanii barbaachisaa dha. (Er. 23:4) Dhaggeeffachuuf ariifataa, galateeffachuufis qophaaʼaa taʼaa. Yeroo baayʼee isaan wajjin haasaʼuuf haala mijeeffadhaa. Jaarsi gumii Maarkas jedhamu yeroo tika godhutti maal akka godhu qalbeeffadhaa: “Yaada Kitaaba Qulqulluu isaanitti himna, isaan galateeffanna, akkasumas gara gumiitti deebiʼuuf carraaqqii cimaa gochuu isaaniitti akka isaanitti boonnu, Yihowaanis baayʼee akka isaanitti boonu isaaniif mirkaneessina. Yeroo isaan biraa deemuuf kaanu hundumaatti yeroo itti aanutti yoom akka wal arginu murteessina.”

a Maqaawwan mata duree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi