LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w22 Ebla ful. 15
  • Buskutii Saroota Kootiif Kenname

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Buskutii Saroota Kootiif Kenname
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gaariiwwan ‘Saboota Hundumaatiif Ragaa Baʼuuf’ Fayyadan
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Yeroo gaaʼelaaf wal qorachuun addaan citu
    Dammaqaa!—2015
  • Kana Beektaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Yihowaan Amanamaafi Dhiifama Kan Godhu Taʼuusaa Dinqisiifadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
w22 Ebla ful. 15
Namichi tokko saroota isaa lamaa wajjin deemaa jira. Saroota isaa wajjin gara hiriyoota gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa gaarii barreeffamaa bira dhaabbatanii jiranii deemaa jira.

Buskutii Saroota Kootiif Kenname

NIIK inni Oriigan Yuunaayitid Isteetis jiraatu akkana jedhee barreesseera: “Bara 2014 waqtii arfaasaatti saroota koo lamaan fuudhee magaalaan keessa jiraadhu walakkaa miilaan deemaan ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa akkuma yeroo kaan godhan magaalattii walakkaa gaarii barreeffamaa isaanii bira dhaabbatanii turan. Akka gaariitti uffatanii turan; namoota achiin darban hundas seeqanii nagaa gaafatu.

“Dhugaa Baatonni sun namootatti qofa utuu hin taʼin, saroota koottis gaarummaa argisiisaniiru. Gaaf tokko Iilaan ishiin gaarii bira dhaabbatte saroota koo lamaaniif buskutii kennite. Sana booda, saroonni koo yeroo gaarii sana bira darbinu hundumaatti buskutii argachuuf gara Dhugaa Baatota sanaa deemuu barbaadu.

“Sana booda jiʼoonni muraasni ni darban. Saroonni koo buskuticha jaallataniiru; anis marii gabaabaa Dhugaa Baatota sanaa wajjin godhu jaalladheen ture. Taʼus, isaanii wajjin baayʼee haasaʼuu hin barbaanne. Umuriin koo waggaa 70 darbeera; wanti Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amanan maal akka taʼes naaf hin galle ture. Waldaalee Pirootestaantiitti abdii kutadhee waanan tureef, Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti qoʼachuu akka naa wayyu natti dhagaʼamee ture.

“Yeroo kanatti, magaalattii keessa iddoo garaa garaatti Dhugaa Baatota Yihowaa gaarii isaanii bira dhaabbatan kan biroo nan argan ture. Isaanis yeroo hunda gammadoo dha. Gaaffiiwwan kootiif yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu irraa waan naaf deebisaniif, caalaatti isaan amanaan dhufe.

“Gaaf tokko Iilaan, ‘Bineeldonni kennaa Waaqayyoo akka taʼan ni amantaa?’ jettee na gaafatte. Anis, ‘Eeyyee, sirriittan amana!’ jedheen ishiidhaaf deebise. Achiis Iilaan Isaayyaas 11:6-9 naa dubbiste. Yeroo sanaa kaasee Kitaaba Qulqulluu barachuuf fedhiin qabaadhe; taʼus, barreeffama Dhugaa Baatota Yihowaa dubbisuu hin barbaadun ture.

“Guyyoota sana booda jiranitti Iilaanii fi abbaa manaa ishii Biranti wajjin marii gabaabaa namatti tolu gochuun na gammachiisa ture. Kiristiyaana dhugaa jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf Maatewosii hanga Hojii Ergamootaatti akkan dubbisu yaada naa kennan. Anis akkasuman godhe. Utuma baayʼee hin turin Birantii fi Iilaan wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun jalqabe. Yeroon isaa walakkeessa bara 2016 ture.

“Achiis torban torbaniin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf, akkasumas walgaʼii Galma Walgaʼiitti geggeeffamu irratti argamuuf hawwiidhaan eeggachuun jalqabe. Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hubachuun koo baayʼee na gammachiise. Gara waggaa tokkoo booda cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Amma umuriin koo waggaa 79 taʼeera; amantaa dhugaa argachuu kootti baayʼeen galateeffadha. Yihowaan miseensa maatii isaa addunyaa maraa akkan taʼu naaf heyyamuudhaan na eebbiseera.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi