BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?
Gaariiwwan ‘Saboota Hundumaatiif Ragaa Baʼuuf’ Fayyadan
EEBLA 1, 2023
Gaariin barreeffamaa waggaa kudhanii oliif qaama tajaajilaa keenya isa xiyyeeffannaa namootaa hawwatu taʼee tajaajileera. Addunyaa maratti, namoonni gaariiwwan kana kan argan yeroo taʼu eenyu akka itti fayyadamus salphaatti beeku. Gaariin kun xiyyeeffannaa namaa harkisuu qofa utuu hin taʼin, itti fayyadamuufis salphaa kan taʼedha. Yaada obboleettiin Aseenataa jedhamtuu fi Poolaandi jiraattu akkana jechuudhaan dubbatte irratti akka walii galtan hin shakkisiisu: “Gaariiwwan kun salphaa fi kan nama hawwatanidha. Itti fayyadamuu fi qabatanii deemuuf baayʼee salphaadha.”
Diizaayiniin gaariiwwan kanaa kan baʼee fi kan hojjetaman akkamitti akka taʼe gaafattanii beektuu?
Diizaayinii Gaarii
Bara 2001tti, Qaamni Olaanaan obboloonni keenya Faransaayi gaarii tajaajilaatti fayyadamuu dabalatee malawwan tajaajilaa garagaraa yaaliidhaaf akka eegalan heyyame. Diizaayinii garagaraa yaalaniiru. Fakkeenyaaf barreeffamoota beeksisuuf akkasumas kaaʼuuf shaanxaa fooyyessuudhaan fayyadamuuf yaalaniiru. Boodarratti waajjirri damee Faransaayi diizaayinii isa babalʼistoonni waggoota hedduuf itti fayyadamaa turan filate.
Gaarii barreeffamaa jalqabaa Faransaayi bara, 2005
Obboloonni Faransaayi yaalii jalqabaaf godhameen buʼaa gaariiwwan kanaan argatanitti baayʼee gammadanii turan. Kanaafuu bara 2011tti, Qaamni Olaanaan yaalii haaraan gaarii fi minjaalatti fayyadamuudhaan lallabuuf Niiwu Yoork Siitiitti akka godhamu heyyame. Qajeelchitoonni sagantaa kanarratti hirmaatan baayʼee utuu hin turin gaarii kana salphaatti qabatamee deemuun akka dandaʼamuu fi faayidaa hedduu akka qabu hubatan. Qajeelchitoonni yaada diizaayinii gaarii kanaa fooyyessuuf gargaaru kennaniiru. Gaariin jalqabaa mukarraa kan hojjetamee fi hamma tokko kan ulfaatu, darajaa manaa irra qabatanii baʼuu fi buʼuuf kan rakkisu ture. Kanaafuu diizaayinii haaraatiin gaarii salphaa garuummoo qilleensaan fudhatamuu hin dandeenye qopheessan. Diizaayinii haaraan kun gaarichi gommaa baayʼee cimaa fi karaa buʼaa baʼii qabu irra oofuuf tajaajilu akka qabaatu godheera. Akkasumas, saanduqni xinnoon barreeffamoota dabalataa kuusuuf gargaaru tokko itti hojjetameera.
Yaalii haaraan kun buʼaa argamsiiseera. Kanaafuu bara 2012tti, Qaamni Olaanaan obboloonnii fi obboleettonni addunyaa maratti gaariiwwan barreeffamaatti akka fayyadaman heyyame. Meeshaa salphaa garuu cimaa taʼe irraa baayʼinaan akka oomishu dhaabbata gaarii kana oomishu tokkoo wajjin walii galteerra gaʼame.
Waggoota darban keessatti jijjiiramawwan tokko tokko gaariiwwan kanarratti godhameera. Fakkeenyaaf bara 2015tti laastikii bokkaan akka itti hin galle godhu hojjetameeraaf. Diinaa ishiin biyya Joorjiyaa jiraattu kana baayʼee dinqisiifatteetti. Diinaan, “Gaarichi uffata barreeffamoota irraa bokkaa ittisu qaba” jechuudhaan dubbatteetti. Bara 2017tti, poostaroonni maagneetii afaanota tokko tokkoon ni hojjetaman. Obboleessi Toomaas jedhamuu fi Poolaandi jiraatu akkana jedheera: “Kanaan dura poostaroota hapheedhaan gaariirratti qabsiifaman jijjiiruun hojii baayʼee kan gaafatu ture. Poostariin maagneetii garuu mala baayʼee gaarii taʼedha.” Bara 2019tti, miʼaa fi oomisha gaariiwwan kanaa irratti jijjiirama dabalataa gochuudhaan caalaatti cimaa akka taʼu godhame.
Oomisha Gaariiwwan Barreeffamaa
Gaariiwwan barreeffamaa kan qophaaʼan warshaama tokkon siʼa taʼu, achiis Addunyaa maratti raabsamu. Yeroo ammaatti geejjibaa fi baasii kaan utuu hin dabalatin gaariin tokko doolaara Ameerikaa 43 dha. Hanga harʼaatti gaariiwwan bituuf doolaarri Ameerikaa miliyoona 16 ol baasii taʼeera, akkasumas gaariiwwan 420,000 ol gumiiwwan addunyaa mara jiraniif ergameera.
Buusiiwwanitti karaa gaarii taʼeen fayyadamuuf gaariin barreeffamaa yeroo bitamu baayʼinaan bitama. Kana malees, yeroo ammaatti gumiiwwan gaarii haaraa bituu mannaa kutaawwan gaarii kanaa jijjiiruun barbaachisu ajajachuu akkasumas ofiin suphachuu dandaʼu.
Gaariiwwanitti Fayyadamuudhaan Lallabuu
Babalʼistoonni addunyaa mara jiran gaariiwwan barreeffamootaatti fayyadamuu ni jaallatu. Maartiinaa ishiin Gaanaa jiraattu akkana jetteetti: “Mala tajaajilaa keenya hedduurratti namootatti dhihaanne isaan haasofsiisna. Gaariidhaan yeroo lallabnu garuu namoonni kan nu haasofsiisan taʼuusaa nan jaalladha. Namoonni gaarii keenya bira darbanillee dhagaʼuu dandaʼu.”
Biyya Afriikaa tokko keessatti namichi tokko gaarii tokkotti goree barreeffamoota afaan isaatiin jiran fudhate. Torban tokko booda deebiʼee akkana jedhe: “Barreeffamoota sana hunda dubbiseera. Barumsa baayʼee barbaachisaa taʼe qabateera. Gara mandara koo deemeen maatii koottis hima.” Mandarri isaa gara kiilomeetira 500 fagaata. Jiʼa lama booda deebiʼee akkana jedhe: “Namoonni mandaricha keessa jiraatan barreeffamicha guutummaatti kan dubbisan yeroo taʼu, barumsa achirra jirutti baayʼee gammadaniiru. Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuufis fedhii qabu. Taʼus, gaaffiiwwan hedduu qabu. Fakkeenyaaf, cuuphamuuf guutummaatti bishaan keessa galuu akka qaban beeku. Haataʼu malee, naannoo keenya bishaan guddaan hin jiru. Maarree as dhufnee cuuphamuu qabnaa?” Babalʼistoonni kun qajeelchaa afaan namichi kun dubbatu beekuu wajjin akka wal argu godhan. Yeroo sanaa kaasee lamaanuu haala dhaabbataa taʼeen marii gaarii gochaa jiru.
Gaariiwwan barreeffamaa ‘saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoo Mootummichaa guutummaa lafaa irratti’ lallabuuf yeroo gargaaru arguun baayʼee nu gammachiisa. (Maatewos 24:14) Gaariiwwan kunneen bituuf qarshii kan argannu akkamitti? Maallaqni kun buusii fedhiidhaan hojii addunyaa maraatiif godhamurraa argame. Buusiiwwan kana keessaa hedduunsaanii karaa donate.jw.org kan godhamanidha. Buusii arjummaadhaan gootaniif isin galateeffanna.