AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Buʼaawwan Gaariitti Fayyadamanii Lallabuun Addunyaa Maratti Argamsiise
Akka seenaan Hojii Ergamootaa boqonnaa 5 irra jiru ibsutti, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa misiraachoo lallabuuf gara mana qulqullummaa, bakka namoonni hedduun itti argaman deemu turan. (HoE 5:19-21, 42) Yeroo harʼaattis, bakka namoonni hedduun argamanitti gaariitti fayyadamanii lallabuun buʼaa gaarii akka qabu argaa jirra.
VIIDIYOO BUʼAAWWAN GAARIITTI FAYYADAMANII LALLABUUN ADDUNYAA MARATTI ARGAMSIISE JEDHAMU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISAA:
Gaariitti fayyadamanii lallabuun yoomii fi akkamitti jalqabame?
Gaariitti fayyadamanii lallabuun, yeroo baayʼee minjaalatti fayyadamanii lallabuu caalaa buʼa qabeessa kan taʼe akkamitti?
Muuxannoo Mii Jaangi Yuu irraa maal baranna?
Muuxannoon Haakob Saloomee, buʼaa gaariitti fayyadamanii lallabuun qabu kan argisiisu akkamitti?
Gaariitti fayyadamanii karaa buʼa qabeessa taʼeen lallabuu ilaalchisee, muuxannoon Aaneezii fi abbaa manaa ishii maal nu barsiisa?