LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w21 Guraandhala ful. 25
  • Buʼaa Gaarii Seequudhaan Argame!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Buʼaa Gaarii Seequudhaan Argame!
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Buʼaawwan Gaariitti Fayyadamanii Lallabuun Addunyaa Maratti Argamsiise
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Jaalalli Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasee Beeksisa—Tokkummaa isa Gatii Guddaa Qabu Eegaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Yeroo Weerara Dhibeetti Lallabuu Isaanii Itti Fufaniiru
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Waaqayyo Dubartoonni Kabaja Akka Argatan Barbaada
    Masaraa Eegumsaa: Waaqayyo Dubartoonni Kabaja Akka Argatan Barbaada
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
w21 Guraandhala ful. 25

Buʼaa Gaarii Seequudhaan Argame

Heelan gaarii addabaabayii bira dhaabattee utuu seeqxuu. Shamarran lama ishii bira yommuu darban.

SHAMARRAN lama naannoo daldalaa Magaalaa Baaguyo, Filippiinsitti waliin deemaa turan. Isaan gaarii addababayiitti ittiin tajaajillu kan argan taʼus, gara isaa hin dhaqne. Heelan obboleettiin ishiin gaarii kana bira dhaabattee turte garaadhaa seeqxe. Shamarran kun deemsa isaanii kan itti fufan taʼus, Heelan garaadhaa seequu ishiitti baayʼee dinqisiifaman.

Booda shamarran kun atoobisiidhaan yommuu gara manaatti deebiʼan, mallattoo guddaa jw.org Galma Walgaʼii irratti mulʼatu hubatan. Mallattoon kun isa isaan kanaan dura gaarii addababayii irratti argan wajjin tokko taʼuu isaa yaadatan. Lamaan isaanii iyyuu atoobisicha irraa buʼanii sagantaa walgaʼii gumiiwwan gara garaa Galma Walgaʼichatti maxxanfamee jiru ilaalan.

Shamarran kun lamaan Galma Walgaʼiitti Heelaniin arganii yommuu seeqan.

Shamarran kun lamaan walgaʼii itti aanee godhamu isa tokko irratti argaman. Achiis, gara Galma Walgaʼiitti yommuu ol seenan eenyuun waan argan isinitti fakkaata? Heelaniin argan! Akkuma ishii arganiin ishii garaadhaa seeqaa turte taʼuu ishii hubatan. Heelan akkas jettetti: “Yommuu isaan gara koo dhufan wanta dogoggoraa raawwadheeraa laata? jedheen xinnoo naʼe.” Taʼus, shamarran kun wanta isaan mudate Heelaniif ibsan.

Shamarran kun walgaʼiichaa fi hariiroo achi turetti kan gammadan siʼa taʼu, akkuma mana isaanii jiranitti isaanitti dhagaʼame. Walgaʼicha booda, yommuu warri kaan Galma Walgaʼii qulqulleessan nutis gargaarsa gochuu ni dandeenyaa jedhanii gaafatan. Shamarreen ishiin tokko biyya kan biraa kan deemte siʼa taʼu, ishiin kan biraan garuu, walgaʼii irratti argamuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdeetti. Wanti gaariin kun hundi kan argame seequudhaan kan kaʼedha!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi