LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Adoolessa ful. 13
  • Duula Addaa Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu Jalqabsiisuuf Ji’a Fulbaanaatti Godhamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Duula Addaa Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu Jalqabsiisuuf Ji’a Fulbaanaatti Godhamu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Duula Addaa Birooshuura Isa Haaraa Raabsuuf Godhamu
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! Jedhamutti Fayyadamuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Duula Addaa Jiʼa Fulbaanaatti Mootummaa Waaqayyoo Beeksisuuf Goonu!
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Birooshura Raabsinu Haaraa!
    Tajaajila Mootummaa—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Adoolessa ful. 13
Suuraawwan garaa garaa: Maatiin mata duree “Waggaa Tajaajilaa Isa Haaraatti Galma Baafadhaa—Qajeelchaa Ta’aa” jedhu irratti ba’an yommuu lallaban. 1. Intalli tokko haadha ishii wajjin taatee birooshura “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” jedhamuun dubartii tokko balbala ishii irratti haasofsiisaa jirti. 2. Akkoon ishii birooshura “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” jedhamu fayyadamtee bilbilaan qo’annaa geggeessaa jirti. 3. Abbaan ishii fi haati ishii gaarii barreeffamaa birooshura “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” jedhamu beeksisu bira dhaabbatanii namoonni tolaan Kitaaba Qulqulluu akka qo’atan affeeraa jiru.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Duula Addaa Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu Jalqabsiisuuf Ji’a Fulbaanaatti Godhamu

Ji’a Fulbaanaatti birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuun nama hunda Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii cimaa goona. Babal’istoonni sa’aatii 30 tajaajiluudhaan qajeelchaa gargaaraa ta’uu ni danda’u. Duula addaa kana irratti kan hirmaannu akkamitti?

  • Yeroo Dhugaa Baanutti: Fedhii namootaa kakaasuuf yaada duuba birooshurichaa irra jiru fayyadamaa, akkasumas qo’annaan akkamitti akka geggeeffamu itti argisiisuuf yaalaa. Warra deddeebii gaaffii gootaniif dabalatee namoota kanaan dura fedhii akka qaban argisiisan yaadatti qabadhaa. Kanaan dura qo’achuu kan didan yoo ta’e illee, mala haaraa fi birooshura haaraa ittiin qo’achiisnuun qo’achuuf fedhii qabaachuu danda’u ta’a. Namoota manatti hin argamneef birooshuroota mana kaa’uufii hin qabnu ykn namoota kanaan dura fedhii akka qaban hin argisiisneef xalayaadhaan isaaniif erguu hin qabnu. Koreen Tajaajilaa Gumii ji’a kanatti walga’iin tajaajilaa dabalataa akka godhamu qophii gochuu danda’a.

  • Carraawwan kan Biroo: Gumiin keessan gaarii barreeffamaa ni fayyadama yoo ta’e birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu gaaricha irra kaa’aa. Akkasumas namoonni birooshura tokko yommuu fudhatan Kitaaba Qulqulluu tola barachuu akka danda’an isaanitti himaa. Yeruma sana qo’annaan akkamitti akka geggeeffamu itti argisiisaa ykn yeroo biraa itti argisiisuuf qophii godhaa. Ilaaltuun ol aanaa tajaajilaa babal’istoonni ga’umsa qaban naannoo daldalaa dhaqanii namoota qo’annaa Kitaaba Qulqulluu akka affeeran qophii gochuu danda’a. Isinis namoonni waliin hojjettan ykn namoonni karaa al idileetiin lallabdaniif qo’annaa Kitaaba Qulqulluu akka jalqaban affeeruu dandeessu.

Yesuus namoota ‘barattoota akka goonuu’ fi akka ‘isaan barsiisnu’ nu ajajeera. (Mat 28:19, 20) Duulli addaa birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu fayyadamnee goonu kun kaayyoo kana galmaan ga’uuf akka nu gargaaru ni abdanna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi