LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/04 ful. 6
  • Duula Addaa Birooshuura Isa Haaraa Raabsuuf Godhamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Duula Addaa Birooshuura Isa Haaraa Raabsuuf Godhamu
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! Jedhamutti Fayyadamuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Birooshura Raabsinu Haaraa!
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Duula Addaa Qo’annaa Kitaaba Qulqulluu Jalqabsiisuuf Ji’a Fulbaanaatti Godhamu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Birooshuroota Kanatti Fayyadamaa Jirta?
    Tajaajila Mootummaa—2012
Tajaajila Mootummaa—2004
km 12/04 ful. 6

Duula Addaa Birooshuura Isa Haaraa Raabsuuf Godhamu

1 Yeroo har’aa namoonni baay’een haala addunyaatti baay’ee dhiphatu; muraasnisaaniimmoo haalli addunyaa maaliif akka akkas ta’e, gara fulduraatti maaltu akka ta’uuf jiruufi yeroo firdii dhufu jalaa ooluuf maal gochuu akka qaban hubataniiru. (His. 9:⁠4) Namoonni kun wantoota yeroo keenyatti raawwatamaa jiran akka hubatan gargaaruuf, birooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhamu Wiixata Amajjii 3 jalqabee hanga Dilbata Amajjii 30⁠tti duula addaatiin raabsama.

2 Birooshuura kana, manaa gara manaatti yommuu tajaajillu, deddeebii gaaffii yeroo goonu, yeroo karaa alidilee lallabnu ykn carraa namoota argachuu dandeenyu hundaatti raabsuu ni dandeenya. Haata’u malee, namoota wanta addunyaarratti raawwatamaa jiru ilaalchisee waan Macaafni Qulqulluun jedhuuf dinqisiifannaa hin qabneef birooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhamu kana kennuu hin qabnu. Kanaa mannaa, namoota haala addunyaa ilaalchisee hiika Macaafni Qulqulluun kennuuf fedhii argisiisan qofaaf kennamuu qaba. Namoota ergaa keenyaaf fedhii xinnoo argisiisaniif tiraaktii kennuu dandeenya.

3 Xiyyeeffannaa namichaa harkisuuf akkas jechuu dandeessa:

◼ “Namoonni baay’een, rakkoowwan nama yaaddessaniifi balaawwan nama suukanneessan baramaa dhufuunsaanii baay’ee isaan dhiphisa. [Wanta naannoo keessanitti raawwatame akka fakkeenyaatti caqasi.] Wantoonni kun duraan dursanii Macaafa Qulqulluurratti akka dubbataman beekta turtee? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis caqasa rakkoo ibsiteen wal simu dubbisiif; caqasawwan akka Maatewos 24:​3, 7, 8; Luqaas 21:​7, 10, 11; ykn 2 Ximotewos 3:​1-5 dubbisuufi dandeessa.] Macaafni Qulqulluun hiika wantoota yeroo keenyatti raawwatamaniifi wanta gara fulduraatti dhala namaa eegu ibsa. Waa’ee dhimma kanaa caalaatti beekuu barbaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, fedhii yoo argisiise birooshuuricha kenniif.] Birooshuurri kun gatii murtaa’e hin qabu. Hojii lallabaa addunyaa maratti godhamuuf buusii qarshii gochuu yoo barbaadde garuu gammachuudhaan fudhanna.”

4 Yookiin akkaataa itti dhiheenyaa armaan gadiitiin fayyadamuu dandeessa:

◼ “Namoonni baay’een wantoota suukanneessoo isaanirras ta’e warra kaanirra ga’aniin baay’ee dhiphatu. Tokko tokkommoo Waaqayyoo wantoota kana dhabamsiisuuf maaliif hin balleessu jedhanii yaadu. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun dhihoo kanatti Waaqayyo rakkoo dhala namaa akka balleessu nu mirkaneessa. Mee eebbawwan Waaqayyo ilmaan namaatiif fidu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu haa ilaallu. [Faarfannaa 37:​10, 11 dubbisiif.] Waa’ee dhimma kanaa caalaatti beekuu barbaaddaa? Birooshuurri kun gatii murtaa’e hin qabu. Hojii lallabaa addunyaa maratti godhamuuf buusii qarshii gochuu yoo barbaadde garuu, gammachuudhaan fudhanna.”

5 Namoota birooshuura kana kenniteef maqaasaaniifi teessoosaanii galmeessitee qabachuudhaan, fedhiisaanii kakaasuuf deebitee dhaquuf sagantaa baasi. Fedhiisaanii kakaasuuf maal gochuun akka danda’amu Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005⁠rratti yaadni ni kennama. Guyyaa jalqabaa maree ennaa gootan fedhii yoo argisiise, birooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhamuun ykn barruu qayyabannaa kan biraa, kan akka birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamuun qayyabannaa jalqabsiisuun ni danda’ama.

6 Birooshuuricha Walga’ii Tajaajilaa kana booda argachuun ni danda’ama. Qajeelchitoonnis ta’e babal’istoonni, guyyoota jedhaman kana gidduutti hanga raabsuu dandeessan qofa akka fudhattan isin yaadachiisuu barbaanna. Sochiin kun kan Yihowaan itti jajamuufi namoonni garaa qajeelaa qabaniifi bakka adda addaatti argaman kan faayidaa irraa argatan akka ta’u hawwina.​​—⁠Far. 90:17.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi