LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp24 Lakk. 1 ful. 10-13
  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Qajeelfama Si Fayyadu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Qajeelfama Si Fayyadu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1. Gaaʼela
  • 2. Akkaataa Warra Kaan Itti Qabnu
  • 3. Maallaqa
  • 4. Saalqunnamtii
  • Guyyaa Cidhaa Booda
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Gaaʼelli Kennaa Waaqayyo Biraa Argame Dha
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Gaaʼelli Kiristiyaanaa Milkaaʼina Akka Qabaatu Gochuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
wp24 Lakk. 1 ful. 10-13

Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Qajeelfama Si Fayyadu

Kitaabni Qulqulluun namoota miliyoonaan lakkaaʼaman kallattii afuriin gargaareera.

1. Gaaʼela

Hiriyoota ga⁠a⁠ʼelaa tokko miilaan deemaa yeroo gaarii waliin dabarsaa jiru.

Namoonni baayʼeen gaaʼelaa fi wantoota gaaʼela keessatti gammachuu argamsiisan ilaalchisee ilaalcha garaagaraa qabu.

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Tokkoon tokkoon keessan akkuma of jaallattanitti haadha manaa keessan jaalladhaa; karaa biraa immoo, haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.”—Efesoon 5:33.

HIIKASAA: Gaaʼela kan hundeesse Waaqayyo waan taʼeef, hiriyoonni gaaʼelaa gammachuu qabaachuuf maal gochuu akka qaban beeka. (Maarqos 10:6-9) Hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼelasaanii keessatti gammachuu argachuu kan dandaʼan, wanta dhuunfaatti argachuu dandaʼanirratti utuu hin taʼin, wanta gaaʼelasaanii cimsuuf kennuu dandaʼanirratti kan xiyyeeffatan yoo taʼedha. Abbaan manaa haadha manaasaa jaallatu ishii kunuunsa, akkasumas gaarummaa ishiitti argisiisa. Haati manaa abbaa manaa ishii kabajjummoo isa deggerti, akkasumas kabajaan isa haasofsiisti.

QAJEELFAMNI KITAABA QULQULLUU NU FAYYADA: Hiriyoonni gaaʼelaa Veetinaam keessa jiraatanii fi Kuwaangii fi Tii jedhaman gaaʼela isaanii keessatti matumaa gammachuu qabaachuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼamee ture. Kuwaangi yeroo baayʼee karaa gaarummaa hin qabneen ishii qaba ture. “Miirri Tii homaa waan na hin yaaddessineef, yeroo baayʼee wanta ishii salphisun godha ture” jedheera. Tiin akka wal hiikan barbaaddee turte. “Isa amanuu fi kabajuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama ture” jetteetti.

Yeroo booda Kuwaangii fi Tiin gorsa Efesoon 5:33​rratti argamu dabalatee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisuu gaaʼelasaanii keessatti akkamitti hojiirra oolchuu akka dandaʼan barataniiru. Kuwaangi akkana jedheera: “Caqasni kun gaarummaa argisiisuun barbaachisaa taʼuusaa hubachuuf, akkasumas Tiin akka jaallatamtuu fi kunuunsa akka argatte akka ishiitti dhagaʼamu gochuuf jecha karaa qaamaa fi karaa miiraa wanta ishii barbaachisu guutuuf na kakaaseera. Akkas gochuun koo caalaatti na jaallachuu fi na kabajuuf ishii kakaaseera.” Tiin immoo akkana jetteetti: “Gorsa Efesoon 5:33​rratti argamu hojiirra oolchuudhaan abbaa manaa kootti caalaatti kabaja yeroon argisiisu, innis caalaatti na jaallachuuf, na kabajuu fi anaa wajjin nagaa qabaachuuf kakaʼeera.”

Gaaʼela ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf jw.org irraa Dammaqaa! Lakk. 2 2018, mata duree “Iccitiiwwan Maatiin Akka Milkaaʼu Gargaaran 12” jedhu qabu dubbisi.

Dubartiin takka hiriyoonni ga⁠a⁠ʼelaa tokko supparmaarkeetii keessaa m⁠i⁠ʼa barbaadan akka argatan gargaaraa jirti. Haalli uffannaasaanii adda t⁠a⁠ʼus, akkasumas qaama isaanirraa tumaa baa⁠⁠y⁠ʼee qabaatanis gaarummaa isaanitti argisiisaa jirti.

2. Akkaataa Warra Kaan Itti Qabnu

Yeroo baayʼee namoonni sanyii, lammummaa, bifa, amantaa fi saala isaaniitiin kan kaʼe miidhaan isaanirra gaʼa.

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Namoota akaakuu hundumaa kabajaa.”—1 Pheexiros 2:17.

HIIKASAA: Kitaabni Qulqulluun namoota sanyii fi lammummaa nurraa adda taʼe qabanis taʼe gocha sodoomummaa raawwatan akka jibbinu hin barsiisu. Kanaa mannaa, sanyii fi lammummaan isaanii ykn iddoon hawaasa keessatti qaban maaliyyuu yoo taʼe namoota hundumaa akka kabajnu nu jajjabeessa. (Hojii Ergamootaa 10:34) Wanta isaan itti amanan ykn gocha isaaniirratti walii galuu baannus gaarummaa fi kabaja isaanitti argisiisuu ni dandeenya.—Maatewos 7:12.

QAJEELFAMNI KITAABA QULQULLUU NU FAYYADA: Daaniʼel namoonni Eeshiyaadhaa dhufan biyya isaarratti miidhaa akka geessisan baratee ture. Nama Eeshiyaadhaa dhufe kamiyyuu waan jibbuuf, namoota duratti isaan arrabsa ture. Akkana jedheera: “Biyya koo deggeraa akkan jiruttan yaada ture. Ilaalchi ykn gochi koo dogoggora taʼuu akka dandaʼu yaadeeyyuu hin beeku.”

Daaniʼel yeroo booda wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu barate. Akkana jedheera: “Ilaalcha koo guutummaatti jijjiiruun qaba ture. Namootaaf ilaalcha Waaqayyo qabu qabaachuun na barbaachisa ture; Waaqayyo eessayyuu kan jiraannu yoo taʼe hunda keenyayyuu ija tokkoon ilaala.” Daaniʼel yeroo ammaatti yommuu namoota wajjin wal argu maaltu akka isatti dhagaʼamu dubbateera. Akkana jedheera: “Yeroo baayʼee eessaa akka dhufanillee hin yaadu. Amma namoota akaakuu hundumaa nan jaalladha; namoota biyya addaddaa wajjin michummaa cimaan qaba.”

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, jw.org irraa Dammaqaa! Lakk. 3 2020, mata duree “Jibbi Halaalaa Furmaata Qabaa?” jedhu qabu dubbisi.

Namichi konkolaataa keessa t⁠a⁠ʼee nyaata gurguraa jiru tokko maamila takkaaf nyaata kennaa jiru.

3. Maallaqa

Namoonni hedduun gammachuu argachuu fi egeree gaarii qabaachuuf qabeenya hedduu walitti qabachuun barbaachisaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama.

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Akkuma maallaqni eegumsa argamsiisu, ogummaanis eegumsa argamsiisa; caalmaan beekumsaa fi ogummaa garuu nama isaan argate lubbuudhaan jiraachisuu isaanii ti.”—Lallaba 7:12.

HIIKASAA: Maallaqni barbaachisaa taʼus, gammachuu fi egeree gaarii qabaachuuf wabii taʼuu hin dandaʼu. (Fakkeenya 18:11; 23:4, 5) Gammachuu dhugaa fi egeree amansiisaa qabaachuu kan dandeenyu ogummaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu yoo hordofnedha.—1 Ximotewos 6:17-19.

QAJEELFAMNI KITAABA QULQULLUU NU FAYYADA: Namichi Indooneeshiyaa keessa jiraatuu fi Kaardoo jedhamu sooressa taʼuurratti xiyyeeffatee ture. Akkana jedheera: “Wanta namoonni baayʼeen hawwan argadheera. Gara bakka addaddaatti imaluu, akkasumas miʼoota, konkolaataawwanii fi manneen miʼaa taʼan bitachuu dandaʼeera.” Badhaadhinni qabu kun garuu itti hin fufne. Kaardoon akkana jedheera: “Namni wayii na gowwoomsee maallaqan waggoota hedduudhaaf itti dadhabe hunda na jalaa fudhate. Sooressa taʼuuf waggoota hedduudhaaf jabaadhee hojjechaa kanan ture taʼus, wantan qabu hunda waanan dhabeef gatii akkan hin qabne natti dhagaʼame.”

Kaardoon gorsa Kitaabni Qulqulluun maallaqa ilaalchisee kennu hojiirra oolchuu jalqabe. Humnasaa hunda sooressa taʼuuf oolchuu mannaa, jireenya salphaa jiraachuuf filate. Akkana jedheera: “Amma Waaqayyo wajjin hariiroo gaarii waanan qabuuf dhugumaan sooressa akkan taʼe natti dhagaʼama. Halkan hundumaa akka gaariittan rafa; amma gammachuu dhugaa qaba.”

Kitaabni Qulqulluun maallaqa ilaalchisee maal akka jedhu caalaatti beekuuf jw.org irraa mata duree, “Barumsii fi Maallaqni Egeree Amansiisaa ni Argamsiisuu?” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Lakk. 3 2021 irratti argamu dubbisi.

4. Saalqunnamtii

Saalqunnamtii wajjin haala wal qabateen wanti namoonni fudhatama akka qabutti yaadan baayʼee garaagaradha.

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Halalummaa irraa fagaadhaa. Tokkoon tokkoon keessan qulqullummaa fi ulfinaan akkamitti qaama keessan akka toʼattan beekuu qabdu; akka saboota Waaqayyoon hin beekneetti fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne isa sassata irratti hundaaʼe hin qabaatinaa.”—1 Tasalonqee 4:3-5.

HIIKASAA: Kitaabni Qulqulluun akkaataa fedhii saalaa keenya itti ibsinu ilaalchisee daangaa kaaʼe qaba. Jechi “halalummaa” jedhu ejja, sagaagalummaa, saalqunnamtii namoota wal hin fuune gidduutti raawwatamu, sodoomummaa fi saalqunnamtii bineeldotaa wajjin raawwatamu kan dabalatudha. (1 Qorontos 6:9, 10) Saalqunnamtiin kennaa Waaqayyo dhiiraa fi dubartiin wal fuudhan qofti akka raawwataniif isaaniif kennedha.—Fakkeenya 5:18, 19.

QAJEELFAMNI KITAABA QULQULLUU NU FAYYADA: Dubartiin Awustiraaliyaa keessa jiraattuu fi Kaayilii jedhamtu akkana jetteetti: “Qeenxee taʼee utuun jiruu saalqunnamtii raawwachuun koo akkan jaallatamuu akka natti dhagaʼamu akka godhuu fi akka na gammachiisu natti dhagaʼamee ture. Garuu wanti taʼe faallaa kanaati. Gadda guddaatu natti dhagaʼame.”

Boodas Kaayiliin Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee maal akka jedhu baratte, wanta barattes hojiirra oolchite. Akkana jetteetti: “Ulaagaaleen Waaqayyo baase miidhaa fi dhiphinarraa akka nu eegan hubadheera. Wantoota garaagaraa karaa Yihowaan barbaaduun raawwachaa waanan jiruuf akkan jaallatamuu fi nageenyi natti dhagaʼama. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuun koo dhiphina hedduurraa na oolcheera!”

Odeeffannoo dabalataa argachuuf jw.org irraa mata duree, “Gaaʼela Utuu hin Dhaabbatin Waliin Jiraachuu Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?” jedhu dubbisi.

Uumaan keenya wanta sirrii fi dogoggora taʼe beekuuf nu gargaara. Ulaagaalee naamusaa inni baase hordofuun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, carraaqqiin goonu nu kiisa. Akkas gochuun keenya gammachuu itti fufiinsa qabu akka nuuf argamsiisu amanuu dandeenya.

Dargaggeessi mata dureewwan darbanirratti mu⁠⁠l⁠ʼate daandii dhiphoo qarqara hallayyaatti argamuu fi sansalataan marfamerra deemaa jira. Riqichii fi fiixeen gaaraa fagoodhaa ni mu⁠⁠l⁠ʼata.
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi