LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp24 Lakk. 1 ful. 6-9
  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Kitaabni Qulqulluun Qajeelfama Amansiisaa Kenna

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Kitaabni Qulqulluun Qajeelfama Amansiisaa Kenna
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • QAJEELFAMA NU BARBAACHISU
  • KITAABNI QULQULLUUN QAJEELFAMA WAAQAYYOO IBSA
  • Qajeelfamni Kitaabni Qulqulluun Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe Ilaalchisee Kennu Bara Keenyattis ni Hojjetaa?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Maatiidhaaf Gargaarsa Dabalataa
    Dammaqaa!—2018
  • Qajeelfama Egeree Amansiisaa Qabaachuuf Nu Gargaaru Argachuu ni Dandeenyaa?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Filannaa Gochuu Qabdu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
wp24 Lakk. 1 ful. 6-9

Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Kitaabni Qulqulluun Qajeelfama Amansiisaa Kenna

Filannoon gama naamusaatiin goonu miira nutti ykn namoota kaanitti dhagaʼamurratti qofa kan hundaaʼu yoo taʼe buʼaa gaarii arganna jennee mirkanaaʼoo taanee eeguu hin dandeenyu. Kitaabni Qulqulluun sababii isaa nutti hima. Kana malees, qajeelfama naamusaa amansiisaa, jireenya gammachiisaa taʼee fi milkaaʼina qabu jiraachuuf nu dandeessisu qabateera.

QAJEELFAMA NU BARBAACHISU

Waaqni keenya Yihowaana ilmaan namootaa qajeelfama argachuuf ofitti utuu hin taʼin isatti akka amanaman Kitaaba Qulqulluu keessatti ibseera. (Ermiyaas 10:23) Qajeelfama naamusaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu kan nuuf qopheesse kanaafi. Ilmaan namootaa waan jaallatuuf murtoo dogoggoraa rakkina nurraan geessisuu fi jireenyi keenya ulfaataa akka taʼu godhurraa nu eeguu barbaada. (Keessa Deebii 5:29; 1 Yohaannis 4:8) Kana malees, inni Uumaa keenya waan taʼeef ogummaa fi beekumsa gorsa naamusaa hundarra caalu nuu kennuuf isa dandeessisu qaba. (Faarfannaa 100:3; 104:24) Taʼus, Waaqayyo ulaagaalee isaatiin akka jiraatan namoota hin dirqisiisu.

Yihowaan namoota jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaaniif wanta gammachuu dhugaa qabaachuuf isaan barbaachisu hunda isaaniif kennee ture. (Uumama 1:28, 29; 2:8, 15) Qajeelfamoota salphaa taʼanis isaaniif kennee ture. Qajeelfamoota kana akka hordofan kan isaanirraa eegu taʼus, hordofuu fi dhiisuu ilaalchisee filannaa akka godhan isaaniif heyyamee ture. (Uumama 2:9, 16, 17) Kan nama gaddisiisu, Addaamii fi Hewaan ulaagaalee Waaqayyo baase hordofuu mannaa, ulaagaa mataasaaniitiin jiraachuu filataniiru. (Uumama 3:6) Buʼaansaa maal taʼe? Ilmaan namootaa wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ofiin murtoo gochuunsaanii buʼaa gaarii argamsiiseeraa? Lakki. Seenaan ilmaan namootaa ulaagaalee Waaqayyo baase dagachuun nagaa fi gammachuu akka hin argamsiise mirkaneesseera.—Lallaba 8:9.

Kitaabni Qulqulluun qajeelfama murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru qabateera; qajeelfamni kun namoota hundaaf kan hojjetudha. (2 Ximotewos 3:16, 17; saanduqa, “Kitaaba Namoota Hundaaf Taʼu” jedhu ilaali.) Mee haa ilaallu.

Kitaabni Qulqulluun “dubbii Waaqayyoo” jedhamuunsaa sirrii kan taʼe maaliif akka taʼe caalaatti baradhu.—1 Tasalonqee 2:13. Viidiyoo, Kitaaba Qulqulluu kan Barreessise Eenyu Dha? jedhamu jw.org irraa ilaali.

KITAABA NAMOOTA HUNDAAF TAʼU

Uumaan ogeessaa fi jaalala qabeessa taʼe namoonni hundi gama naamusaatiin qajeelfama inni baase argachuu akka dandaʼaniif qophii akka godhu eegna. Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee dhugaawwan kana ilaali:

Namoonni lammiilee garaa garaa t⁠a⁠ʼan Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jiru. Kitaabni Qulqulluun maxxanfamee fi bifa dijitaalaatiin qopha⁠a⁠ʼe hedduun isaan gaditti ni mu⁠⁠l⁠ʼata.
  • 3,500+ Lakkoofsa afaanota yoo xinnaate kutaan Kitaaba Qulqulluu muraasni ittiin argamu; kitaabni hamma kana hiikame kan biraan hin jiru.

  • 5,000,000,000+ Lakkoofsa Kitaabni Qulqulluun ittiin maxxanfame; kitaabni hamma kana raabsame kan biraan hin jiru.

Kitaabni Qulqulluun sanyiin, lammiin, gosti ykn aadaan tokko isa kan biraarra akka caalu hin dubbatu. Kitaabni kun kitaaba namoota hundaaf taʼudha.

Kitaaba Qulqulluu jw.org irraa dubbisi (afaan 250 oliin argama)

Namichi tokko Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisu quba isaatiin hordofaa jira.

NAMOONNI TOKKO TOKKO GORSA KITAABA QULQULLUU HORDOFUU KAN HIN BARBAANNE MAALIIFI?

Namoonni tokko tokko Kitaabni Qulqulluun madda ulaagaa naamusaa gaarii taʼuu akka hin dandeenye dubbatu. Mormii akkana jedhu kaasu taʼa.

Mormii: “Yaanni Kitaaba Qulqulluu wal faallessa.”

Dhugaasaa: Caqasoota Kitaaba Qulqulluu kan wal faallessan fakkaatan yaada naannoosaanii jiru, ilaalcha barreessitootaa fi wantoota kan biroo tilmaama keessa galchuudhaan yaadasaanii isa sirrii hubachuun ni dandaʼama.

Fakkeenyota tokko tokko ilaaluuf jw.org irraa mata duree, “Kitaabni Qulqulluun Wal Faallessaa?” jedhu dubbisi.

Mormii: “Namoonni qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akka hordofan dubbatan tokko tokko hammina waan raawwataniif, kitaabichi qajeelfama naamusaa amansiisaa taʼe hin kennu.”

Dhugaasaa: Kitaabni Qulqulluun amala gadhee namoonni barumsasaa hojiirra hin oolchine qabaniif itti hin gaafatamu. Geggeessitoota amantaa qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akka hordofan dubbatan dabalatee, namoonni hedduun wanta barumsasaa wajjin wal faallessu akka raawwatan raajii dubbateera. Sababii kanaan barumsi Kitaaba Qulqulluu akka ‘arrabsamus’ ni dubbata. —2 Pheexiros 2:1, 2.

Fakkeenya geggeessitoonni amantaa hedduun barumsa Kitaaba Qulqulluurraa akka jalʼatan argisiisu tokko ilaaluuf jw.org irraa mata duree, “Amantiin Mala Kan Biraa Qarshii Ittiin Argatanidhaa?” jedhu dubbisi.

Mormii: “Namoonni qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofan namoota isaanirraa adda taʼan hin kabajan.”

Dhugaasaa: Kitaabni Qulqulluun namootatti kabaja akka argisiisnu jajjabeessa. Ilaalchawwan armaan gadii hin deggeru:

  • Namoota kaanii ol akka taʼan yaaduu. —Filiphisiyus 2:3.

  • Namoota ulaagaa fi amantaa kan biraa hordofan tuffachuu.—1 Pheexiros 2:17.

  • Ilaalcha keenya akka fudhatan namootarratti dhiibbaa gochuu.—Maatewos 10:14.

Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo yeroo hundumaa namootatti gaarummaa fi haqa akka argisiisuu fi nutis akkas akka goonu akka barbaadu dubbata.—Roomaa 9:14.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf jw.org irraa mata duree, “Wal Dandaʼuu—Kitaabni Qulqulluun Obsa Argisiisuuf kan Gargaaru Akkamitti?” jedhu ilaali.

KITAABNI QULQULLUUN QAJEELFAMA WAAQAYYOO IBSA

Kitaabni Qulqulluun hariiroo Waaqayyo ilmaan namootaa wajjin qabu jalqabaa kaasee nutti hima. Kitaabicha yeroo dubbisnu wanti Waaqayyo sirrii fi dogoggora akka taʼetti, akkasumas wanta fayyaduu fi miidhu akka taʼetti ilaalu maalfaa akka taʼan hubanna. (Faarfannaa 19:7, 11) Barumsi irraa barannu yeroo hundumaa sirrii waan taʼeef, jireenya keenya keessatti gama naamusaatiin filannaa gaarii gochuuf nu gargaara.

Fakkeenyaaf, Fakkeenya 13:20 irratti gorsi, “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa” jedhu nuuf kennameera. Qajeelfamni kun akkuma bara durii yeroo harʼaattis ni hojjeta. Kitaabni Qulqulluun qajeelfamoota faayidaa qaban akkasiitiin kan guutamedha.—Saanduqa, “Ogummaa Kitaaba Qulqulluu Yeroon Itti hin Dabarre” jedhu ilaali.

Haa taʼu malee tarii, ‘Ulaagaan naamusaa Kitaaba Qulqulluu bara keenyaaf akka taʼu mirkanaaʼaa taʼuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jettee yaadda taʼa. Mata dureen ittaanu seenaa dhugaa muraasa qabateera.

a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha.—Faarfannaa 83:18.

OGUMMAA KITAABA QULQULLUU YEROON ITTI HIN DABARRE

Kitaabni Qulqulluun barreeffamee kan xumurame gara waggaa 2,000 dura taʼus, gorsisaa yeroo harʼaattis ni hojjeta. Ilmaan namootaa yeroo hundumaa jireenya milkaaʼinaa fi gammachuu qabu qabaachuu barbaadu. (Lallaba 1:9) Ogummaan Kitaaba Qulqulluu yeroon itti hin dabarre galma kanarra gaʼuuf nu gargaara.

Amanamummaa

  • “Waan hundumaa [irratti] amanamummaadhaan jiraachuu hawwina.”—Ibroota 13:18.

  • ‘Inni hatu kana booda hin hatin; kanaa mannaa, jabaatee haa hojjetu.’—Efesoon 4:28.

Hariiroo

  • “Namni hundi yeroo hundumaa faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa haa barbaadu.”—1 Qorontos 10:24.

  • “Wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.”—Qolosaayis 3:13.

Murtoo Gochuu

  • “Namni gowwaan wanta dubbatamu hundumaa amana, namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.”—Fakkeenya 14:15.

  • “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata, namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis isa irra gaʼa.” —Fakkeenya 22:3.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi