LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 32
  • Yeroon Dhiphadhu Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu ni Dandaʼaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroon Dhiphadhu Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu ni Dandaʼaa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Waaqayyo namoota dhiphatan akkamitti gargaara?
  • Dhiphina Sammuu
    Dammaqaa!—2014
  • Dargaggoonni Maaliif Dhiphatu?—Furmaanni Isaa hoo Maali Dha?
    Dammaqaa!—2017
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 32

Yeroon Dhiphadhu Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu ni Dandaʼaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Eeyyee, gargaarsi hunda irra caalu kan argamu ‘Waaqa isa warra gaddan jajjabeessu’ irraa ti.—2 Qorontos 7:6.

Waaqayyo namoota dhiphatan akkamitti gargaara?

  • Humna kennuudhaan. Waaqayyo kan si “jajjabeessu” rakkina kee hunda balleessuudhaan utuu hin taʼin, kadhannaa ati humna rakkina si mudate dandamachuuf si gargaaru argachuuf dhiheessituuf deebii kennuudhaani. (Filiphisiyus 4:13) Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼes in fayyisa” waan jedhuuf Waaqayyo kadhannaa kee dhagaʼuuf qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼaa taʼi. (Faarfannaa 34:18) Yeroo miira kee jechaan ibsuun si rakkisutti illee, Waaqayyo kadhannaa keessa keetti dhiheessitu ni dhagaʼa.—Roomaa 8:26, 27.

  • Fakkeenya gaarii taʼan kennuudhaan. Barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko, “Iddoo gad fagoo keessaa, ani sin waammadha” jedhee Waaqayyoon kadhateera. Faarfataan kun Waaqayyo akka inni gar malee of ceephaʼu akka hin barbaanne yaadachuudhaan dhiphina isaa dandamateera. Waaqayyoon akkana jedheera: “Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa? Garuu ati akka sodaatamtutti, cubbuu namaaf dhiisuun si bira jira.”—Faarfannaa 130:1, 3, 4.

  • Abdii kennuudhaan. Waaqayyo yeroo ammatti jajjabina kennuu malees, wantoota dhiphinaaf nu saaxilan hunda balleessuuf waadaa galeera. Waaqayyo wanta waadaa gale sana yommuu raawwatu, “[dhiphina dabalatee] wanti dur taʼe hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu.”—Isaayaas 65:17.

Hubachiisa: Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqayyo namootaaf gargaarsa akka godhu kan amanan taʼus, dhiphina cimaa taʼe dabalatee yommuu dhukkubsatan gargaarsa yaalii fayyaa argachuuf carraaqqii godhu. (Maarqos 2:17) Taʼus, kallattiidhaan caqasnee yaaliin fayyaa tokko gaarii akka taʼe yaada hin dhiheessinu; gama kanaan namni hundi murtoo mataa isaa gochuu akka qabu amanna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi