-
Uumama 41:22-24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 “Sana booda, abjuu koo keessatti mataawwan midhaanii guutuu fi filatamoo taʼan torba agadaa tokko irratti baʼanii nan arge.+ 23 Isaanitti aansee mataawwan midhaanii coolligan, qaqalʼatanii fi bubbee bahaatiin waxalaman torba ni biqilan. 24 Achiis mataawwan midhaanii qaqalloo taʼan sun, mataawwan midhaanii filatamoo taʼan torban sana liqimsuu jalqaban. Kanaafuu, ani abjuu kana luboota falfala raawwatanitti nan hime;+ taʼus, namni hiika isaa ibsuu dandaʼe tokko illee hin argamne.”+
-