-
Uumama 40:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Isaanis deebisanii, “Lamaan keenya iyyuu abjuu abjuʼannee turre; garuu namni abjuu hiiku nu bira hin jiru” isaan jedhan. Yoseefis, “Abjuu kan hiiku Waaqayyo mitii?+ Maaloo, abjuu keessan natti himaa” isaaniin jedhe.
-
-
Daaniʼel 2:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Yaa Waaqa abbootii kootii, ati ogummaa fi humna waan naaf kenniteef,
Galataa fi jajannaa siif nan dhiheessa.
Ammas ati wanta si gaafanne na beeksisteetta;
Wanta mooticha yaaddesses nu beeksisteetta.”+
-
-
Daaniʼel 2:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Haa taʼu malee, Waaqni iccitii mulʼisu tokko samii keessa jira;+ inni wanta guyyoota dhumaatti raawwatamu Nebukadnezaar Mootichatti beeksiseera. Yommuu siree kee irra ciistee turtetti abjuun argitee fi mulʼatawwan gara sammuu keetti dhufanii turan kanneen kana dha:
-