-
Uumama 41:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Faraʼoonis Yoseefiin, “Ani abjuu abjuʼadheen ture; garuu namni naaf hiiku tokko illee hin argamne. Ati abjuu dhageessee hiikuu akka dandeessu ani dhagaʼeera” jedhe.+ 16 Yeroo kanatti Yoseef, “Ani nama bakki guddaan kennamuuf miti! Nageenya Faraʼoon ilaalchisee Waaqayyo ni dubbata” jedhee Faraʼooniif deebise.+
-
-
Daaniʼel 2:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Haa taʼu malee, Waaqni iccitii mulʼisu tokko samii keessa jira;+ inni wanta guyyoota dhumaatti raawwatamu Nebukadnezaar Mootichatti beeksiseera. Yommuu siree kee irra ciistee turtetti abjuun argitee fi mulʼatawwan gara sammuu keetti dhufanii turan kanneen kana dha:
-
-
Daaniʼel 2:45Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
45 kunis akkuma dhagaan tokko utuu harki isa hin tuqin gaara sana irraa fottoqee baʼee sibiila, sibiila diimaa, suphee, meetii fi warqii sana yommuu caccabsu argite sanaa ni taʼa.+ Waaqni inni Guddaan wanta gara fuulduraatti raawwatamu mootichatti beeksiseera.+ Abjuun kun dhugaa dha; hiikni isaas amansiisaa dha.”
-