-
Uumama 48:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Yoseefis abbaan isaa harka isaa mirgaa mataa Efreem irra akkuma kaaʼetti akka jiru yommuu argu ni gadde; kanaafuu, harka abbaa isaa mataa Efreem irraa fuudhee mataa Minaasee irra kaaʼuuf yaalii godhe.
-
-
Lakkoofsa 1:32, 33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Sanyiin Yoseef karaa Efreem+ argaman maqaa maqaa isaaniitiin, maatii maatii isaaniitiin, akkasumas manneen abbootii isaaniitiin ni galmeeffaman. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe warri raayyaa waraanaa keessa galanii tajaajiluu dandaʼan hundi ni lakkaaʼaman; 33 gosa Efreem keessaa kan galmeeffaman namoota 40,500 turan.
-