-
Uumama 48:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Abbaan isaa garuu didee, “Beekeera yaa ilma koo, beekeera. Innis saba ni taʼa; innis guddaa ni taʼa. Haa taʼu malee, obboleessi isaa inni quxisuun isa caalaa guddaa ni taʼa;+ sanyiin isaas sabootaa wajjin guutummaatti qixxee ni taʼa”+ isaan jedhe. 20 Kanaafuu, inni guyyaa sanatti akkana jedhee isaan eebbisuu isaa itti fufe:+
“Ilmaan Israaʼel yeroo eebbisanitti akkana jedhanii maqaa keessan haa dhaʼan:
‘Waaqayyo akka Efreemii fi akka Minaasee si haa godhu.’”
Akka kanaan inni Efreemiin Minaasee dura gochuu isaa itti fufe.
-