-
Uumama 28:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Kunoo, Yihowaan achi irra dhaabbatee ture; innis akkana jedhe:
“Ani Yihowaa isa Waaqa abbaa kee Abrahaamii fi Waaqa Yisihaaq taʼe dha.+ Iddoo ciistee jirtu kana sii fi sanyii keetiif nan kenna.+ 14 Sanyiin kee dhugumaan akka biyyoo lafaa ni taʼa;+ atis gara dhihaatti, gara bahaatti, gara kaabaattii fi gara kibbaatti ni babalʼatta; maatiiwwan lafa irraa hundis karaa kee fi karaa sanyii kee dhugumaan ni eebbifamu.*+
-