-
Uumama 26:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Halkan sana Yihowaan isatti mulʼatee, “Ani Waaqa abbaa kee Abrahaami.+ Ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin;+ Abrahaam tajaajilaa kootiif jedhee sin eebbisa, sanyii kees nan baayʼisa” isaan jedhe.+ 25 Kanaafuu, inni bakka sanatti iddoo aarsaa ijaaree maqaa Yihowaa waammate.+ Yisihaaq bakka sanatti dunkaana isaa ni dhaabe;+ tajaajiltoonni isaas achitti boolla bishaanii tokko ni qotan.
-