-
Uumama 23:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Akka kanaan maasiin Efroon inni Maakfelaa keessatti argamuu fi Maamreetti dhihoo jiru, jechuunis maasichii fi holqi achi keessatti argamu, akkasumas mukeetiin daangaa maasichaa keessatti argaman hundi, 18 bakka ilmaan Heet argamanitti, akkasumas warra karra magaalaa isaatti seenan hundumaa duratti qabeenya Abrahaam bite taʼuun isaa ni mirkanaaʼe.
-
-
Uumama 25:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Ilmaan isaa Yisihaaqii fi Ishmaaʼelis holqa Maakfelaa keessatti isa awwaalan; holqi kun maasii Efroon ilma Zohaar Heetichaa keessatti kan argamu yeroo taʼu, Maamreetti dhihoo jira ture;+ 10 maasiin kun isa Abrahaam ilmaan Heet irraa bite dha. Abrahaamis bakka haati manaa isaa Saaraan itti awwaalamte kanatti ni awwaalame.+
-
-
Uumama 49:29, 30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Sana booda ajaja akkana jedhu isaaniif kenne: “Ani gara saba kootti walitti qabamuufan jedha.*+ Abbootii koo wajjin holqa maasii Efroon Heetichaa keessa jiru keessatti na awwaalaa;+ 30 holqa biyya Kanaʼaan keessatti maasii Maakfelaa keessa jiruu fi Maamree fuulduratti argamu, jechuunis maasii iddoo awwaalchaa akka taʼuuf Abrahaam Efroon Heeticha irraa bite keessa jiru keessatti na awwaalaa.
-