-
Uumama 23:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 achiis akkana isaaniin jedhe: “Reeffa koo akkan awwaalladhu erga naaf heyyamtanii, na dhaggeeffadhaa; Efroon ilmi Zohaar 9 holqa Maakfelaa isa kan isaa taʼe akka natti gurguru isa naaf kadhadhaa; holqi sun qarqara maasii isaatti argama. Ani lafa bakka awwaalchaatiif+ taʼu akkan qabaadhuuf, inni gatii+ guutuu holqichi baasuun isin duratti natti haa gurguru.”
-
-
Uumama 49:29, 30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Sana booda ajaja akkana jedhu isaaniif kenne: “Ani gara saba kootti walitti qabamuufan jedha.*+ Abbootii koo wajjin holqa maasii Efroon Heetichaa keessa jiru keessatti na awwaalaa;+ 30 holqa biyya Kanaʼaan keessatti maasii Maakfelaa keessa jiruu fi Maamree fuulduratti argamu, jechuunis maasii iddoo awwaalchaa akka taʼuuf Abrahaam Efroon Heeticha irraa bite keessa jiru keessatti na awwaalaa.
-