-
Uumama 25:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Ilmaan isaa Yisihaaqii fi Ishmaaʼelis holqa Maakfelaa keessatti isa awwaalan; holqi kun maasii Efroon ilma Zohaar Heetichaa keessatti kan argamu yeroo taʼu, Maamreetti dhihoo jira ture;+ 10 maasiin kun isa Abrahaam ilmaan Heet irraa bite dha. Abrahaamis bakka haati manaa isaa Saaraan itti awwaalamte kanatti ni awwaalame.+
-
-
Uumama 49:29-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Sana booda ajaja akkana jedhu isaaniif kenne: “Ani gara saba kootti walitti qabamuufan jedha.*+ Abbootii koo wajjin holqa maasii Efroon Heetichaa keessa jiru keessatti na awwaalaa;+ 30 holqa biyya Kanaʼaan keessatti maasii Maakfelaa keessa jiruu fi Maamree fuulduratti argamu, jechuunis maasii iddoo awwaalchaa akka taʼuuf Abrahaam Efroon Heeticha irraa bite keessa jiru keessatti na awwaalaa. 31 Achitti isaan Abrahaamii fi haadha manaa isaa Saaraa awwaalaniiru.+ Yisihaaqii fi haadha manaa isaa Ribqaas achitti awwaalaniiru;+ anis achitti Liyaa awwaaleera. 32 Maasichii fi holqi achi keessatti argamu ilmaan Heet irraa kan bitame dha.”+
33 Akka kanaan Yaaqoob qajeelfama kana ilmaan isaatiif kennee xumure. Achiis miila isaa siree irratti ol baasee hafuura isaa isa dhumaa baafatee, gara saba isaatti walitti qabame.*+
-
-
Uumama 50:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Isaan gara biyya Kanaʼaanitti isa geessanii, holqa maasii Maakfelaa isa Maamree fuulduratti argamuu fi iddoo awwaalchaa akka taʼuuf Abrahaam Efroon Heeticha irraa bite keessa jiru keessatti isa awwaalan.+ 14 Yoseef abbaa isaa erga awwaalee booda, obboloota isaa fi warra abbaa isaa awwaaluuf isaa wajjin deeman hundumaa wajjin gara Gibxiitti deebiʼe.
-