LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 6:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Seenaan Noh kana dha.

      Noh nama qajeelaa ture.+ Inni namoota bara isaatti jiraatan* gidduutti nama balleessaa hin qabne ture. Noh Waaqa dhugaa wajjin ni deeme.+

  • Ibroota 10:38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 “Haa taʼu malee, tajaajilaan koo inni qajeelaan amantiidhaan jiraata,”+ “gara duubaatti yoo deebiʼe ani* isatti hin gammadu.”+

  • Ibroota 11:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Noh,+ Waaqayyo wantoota yeroo sanatti hin mulʼanne ilaalchisee akeekkachiisa erga isaaf kennee booda,+ Waaqa akka sodaatu kan argisiisee fi maatii isaa oolchuuf doonii kan ijaare+ amantiidhaan ture; amantii kanaanis addunyaatti murteesse,+ akkasumas qajeelina amantiidhaan argamu dhaale.

  • 1 Pheexiros 3:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Sababiin isaas, ijji Yihowaa* qajeelota irra jira; gurri isaas wawwaannaa isaanii ni dhagaʼa;+ taʼus Yihowaan* warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.”+

  • 2 Pheexiros 2:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Akkasumas addunyaa bara duriitti ture sana adabuu irraa duubatti hin jenne;+ yeroo addunyaa namoota Waaqayyoon hin sodaanne sana irratti bishaan badiisaa fidetti+ garuu, Noh isa qajeelummaa lallabu+ namoota kan biroo torbaa wajjin oolcheera.+

  • 2 Pheexiros 2:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Kanaafuu, Yihowaan* namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu,+ jalʼoota immoo guyyaa murtiitti+ akka balleeffamaniif akkamitti akka tursu beeka;

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi