-
Uumama 17:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Haa taʼu malee, waaʼee Ishmaaʼel wanta dubbatte dhagaʼeera. Kunoo, ani isa nan eebbisa; ijoollee hedduu isaaf nan kenna; akka malees isa nan baayʼisa. Inni ilmaan geggeessitoota taʼan 12 ni qabaata; anis saba guddaa isa nan godha.+
-
-
Uumama 25:13-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Maqaan ilmaan Ishmaaʼel, akka maqaa isaaniittii fi akka hidda dhalootaa maatii isaaniitti kana ture: Ilmi angafaa Ishmaaʼel Nebaayot,+ achiis Qeedaar,+ Adbaʼeel, Mibsaam,+ 14 Mishmaa, Duumaa, Maasaa, 15 Hadaad, Teemaa, Yetuur, Naafishii fi Qedemaa. 16 Kanneen kun ilmaan Ishmaaʼel yeroo taʼan, maqaan isaanii akka gandeen isaaniittii fi akka buufatawwan* isaaniitti kana ture; akka qomoo qomoo isaaniittis geggeessitoota 12 turan.+
-