-
Uumama 12:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Kanaafuu, Faraʼoon Abraamiin waamee akkana isaan jedhe: “Wanti ati na irratti raawwatte kun maali dha? Ishiin haadha manaa tee taʼuu ishii maaliif natti hin himne? 19 ‘Ishiin obboleettii tiyya’ maaliif jette?+ Ani haadha manaa godhee ishii fudhachuufan ture. Haati manaa tee kunoo ti. Fudhadhuu deemi!”
-
-
Uumama 26:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Abimelekis yeruma sana Yisihaaqiin waamee, “Ishiin dhugumaan haadha manaa tee ti! Maarree ati, ‘Ishiin obboleettii tiyya’ maaliif jette?” isaan jedhe. Yisihaaqis, “Akkana kanan jedhe, sababii ishiitiin akkan hin duune waanan sodaadheefi” jedhee isaaf deebise.+ 10 Abimelek garuu itti fufuudhaan, “Wanti ati nu irratti raawwatte kun maali dha?+ Namoota koo keessaa tokko haadha manaa tee wajjin ciisuu dandaʼa ture; kanaanis ati yakka nutti fiduu dandeessa turte!” isaan jedhe.+
-