-
Ibroota 11:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Abrahaam yeroo qorametti,+ amantiidhaan Yisihaaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf jedhee ture; namni waadaawwan sana gammachuudhaan fudhate kun, ilma isaa isa tokkicha aarsaa godhee dhiheessuuf yaalii godhe;+ 18 kana kan godhes, “Inni sanyii kee jedhamee waamamu karaa Yisihaaq dhufa”+ jedhamee utuu jiruu ti. 19 Haa taʼu malee, inni Waaqayyo duʼaa isa kaasuu illee akka dandaʼu yaadee ture; akka fakkeenyaatti ilma isaa duʼa jalaa deebisee argateera.+
-
-
Yaaqoob 2:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Abbaan keenya Abrahaam qajeelaa jedhamee kan waamame ilma isaa Yisihaaqiin iddoo aarsaa irratti erga dhiheessee booda hojiidhaan mitii?+
-