-
Uumama 12:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Bulchitoonni Faraʼoonis ishii argan; isaan ishii jajanii Faraʼoonitti waan himaniif, dubartittiin gara Faraʼoonitti geeffamte. 16 Innis sababii ishiitiin Abraamiif kunuunsa ni godhe; hoolota, loon, harroota wadalaa fi harroota dhaltuu, tajaajiltoota dhiiraa fi durbaa, akkasumas gaalota isaaf ni kenne.+
-
-
Uumama 13:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Abraam nama baayʼee sooressa taʼee fi horii, meetii fi warqii qabu ture.+
-
-
Uumama 24:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Abrahaam dulloomee, umuriin isaas sokkee ture; Yihowaan karaa hundumaatiin Abrahaamiin eebbisee ture.+
-