-
Miilkiyaas 1:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Ani jaalala isinitti argisiiseera”+ jedha Yihowaan.
Isin garuu, “Ati akkamitti jaalala nutti argisiiste?” jettu.
Yihowaan akkana jedha: “Esaawu obboleessa Yaaqoob mitii?+ Haa taʼu malee, ani Yaaqoobiin nan jaalladhe, 3 Esaawuun immoo nan jibbe;+ gaarota isaa ona nan godhe;+ dhaala isaas sardiidota lafa onaatiif nan kenne.”+
-
-
Roomaa 9:10-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Taʼus yeroo sanatti qofa utuu hin taʼin, yeroo Ribqaan abbaa keenya Yisihaaqiif ijoollee lakkuu ulfooftettis waadaan kun galamee ture;+ 11 Waaqayyo kan filatu hojii irratti hundaaʼee utuu hin taʼin kaayyoo isaa irratti hundaaʼee waan taʼeef, utuu isaan dhalatanii wanta gaarii yookiin wanta hamaa tokko illee hin hojjetin dura waaʼee ijoollee sanaa, 12 “Inni angafaa isa quxisuudhaaf garbicha taʼa” jedhamee ishiitti himame.+ 13 Kunis akkuma, “Ani Yaaqoobiin nan jaalladhe, Esaawuun immoo nan jibbe” jedhamee barreeffametti dha.+
-