LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 25:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Yihowaanis, “Sabni lama gadameessa kee keessa jira;+ uummanni si keessaa baʼan lamaanis adda adda ni baʼu;+ sabni inni tokko saba isa kan biraa irra kan cimu taʼa;+ inni angafaas isa quxisuu ni tajaajila”+ ishiidhaan jedhe.

  • Uumama 25:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Sana booda, obboleessi isaa harka isaatiin koomee Esaawu qabatee dhalate;+ kanaafuu, inni maqaa isaa Yaaqoob*+ jedhee moggaase. Ishiin yommuu isaan deessetti Yisihaaq umuriin isaa waggaa 60 ture.

  • Uumama 27:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Namoonni si haa tajaajilan; saboonnis siif haa sagadan. Obboloota kee irratti gooftaa taʼi; ilmaan haadha tees siif haa sagadan.+ Kan si abaaru hundi abaaramaa haa taʼu; kan si eebbisu hundis eebbifamaa haa taʼu.”+

  • Uumama 27:37
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Abbaan isaa Yisihaaq garuu, “Kunoo, ani si irratti gooftaa akka taʼuuf isa muudeera;+ tajaajiltoota akka isaaf taʼaniif obboloota isaa hundumaa isaaf kenneera; isa deggeruufis midhaanii fi wayinii haaraa isaaf kenneera.+ Yaa ilma koo, wantan siif kennuu dandaʼu akkamiitu hafe ree?” jedhee Esaawuuf deebise.

  • Lakkoofsa 24:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Israaʼel onnachuu isaa yommuu argisiisutti,

      Edoom dhaala,+

      Eeyyee, Seʼiir+ dhaala diinota isaa ni taʼa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi