LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 31:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Dhuma irrattis Yihowaan Yaaqoobiin, “Gara biyya abbootii keettii fi gara firoottan keetti deebiʼi;+ anis sii wajjin nan taʼa” jedhe.

  • Lakkoofsa 23:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Waaqayyo akka namaa soba hin dubbatu,+

      Akka ilma namaas yaada isaa hin jijjiiru.*+

      Inni wanta tokko yommuu jedhu, wanta sana hin raawwatuu?

      Wanta dubbate hoo, fiixaan hin baasuu?+

  • Iyyaasuu 23:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 “Kunoo, ani duʼuufan jedha;* waadaawwan gaggaarii Waaqni keessan Yihowaan isiniif gale hundumaa keessaa jechi tokko illee utuu hin raawwatamin akka hin hafne isin garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan akka gaariitti beektu. Hundi isaanii iyyuu isiniif raawwatamaniiru. Isaan keessaa jechi tokko illee utuu hin raawwatamin hin hafne.+

  • Ibroota 6:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 kana kan godhes, karaa wantoota hin jijjiiramnee fi Waaqayyo sobuu itti hin dandeenye+ lamaan, nuti warri eegumsa argachuuf Waaqayyotti baqanne, abdii isa nu dura jiru jabeessinee qabachuuf jajjabina guddaa akka argannuufi.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi