-
Uumama 30:22-24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Dhuma irratti Waaqayyo Raaheliin ni yaadate; kadhannaa ishii dhagaʼee akka ulfooftu gochuudhaanis deebii ishiidhaaf ni kenne.*+ 23 Ishiinis ulfooftee ilma deesse. Achiis, “Waaqayyo arrabsoo koo ana irraa fageesseera!”+ jette. 24 Kanaafuu ishiin, “Yihowaan ilma kan biraas naaf dabaleera” jechuudhaan, maqaa isaa Yoseef*+ jettee moggaaste.
-