LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 23:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Achiis Abrahaam reeffa haadha manaa isaa biraa kaʼee, ilmaan Heetiin+ akkana jedhe: 4 “Ani isin gidduutti nama biyya ormaa fi qubataa dha.+ Reeffa koo akkan awwaalladhuuf isin gidduutti lafa bakka awwaalchaatiif taʼu naa kennaa.”

  • Uumama 28:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Kanaafuu, Yisihaaq Yaaqoobiin waamee erga eebbisee booda akkana jedhee isa ajaje: “Shamarran Kanaʼaan keessaa haadha manaa hin fuudhin.+

  • Uumama 28:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Ati biyya nama ormaa taatee keessa jiraachaa jirtu, isa Waaqayyo Abrahaamiif kenne+ dhaalaan akka fudhattuuf, inni eebba Abrahaamiif+ waadaa gale sana sii fi sanyii keetiif ni kenna.”

  • Ibroota 11:8, 9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Abrahaam+ yommuu waamame, iddoo akka dhaalaatti fudhachuuf jedhu sana dhaquuf amantiidhaan ajajame; eessa akka dhaqu kan hin beekne taʼus, iddoo jiraatu dhiisee baʼe.+ 9 Inni Yisihaaqii fi Yaaqoob warra isaa wajjin waadaa kana dhaalanii wajjin dunkaana keessa jiraachuudhaan+ akka waan biyya ormaa keessa jiraatutti keessummaa taʼee biyya waadaa isaaf galame+ sana keessa amantiidhaan jiraate.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi