-
Uumama 24:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Namichis akkana jedhe: “Ani tajaajilaa Abrahaami.+
-
-
Uumama 24:37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Kanaafuu, gooftaan koo akkana jedhee na kaksiise: ‘Shamarran Kanaʼaanotaa warra ani biyya isaanii keessa jiraadhu kana keessaa ilma koo hin fuusisin.+
-
-
Baʼuu 34:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Jiraattota biyyattii wajjin kakuu akka hin galle of eeggadhu; sababiin isaas, yommuu isaan waaqolii isaanii wajjin sagaagalanittii fi waaqolii isaaniitiif aarsaa dhiheessanitti,+ namni tokko si affeeree atis aarsaa inni dhiheesse irraa nyaachuu dandeessa taʼa.+ 16 Achiis ijoollee dhiiraa kee ijoollee durbaa isaanii fuusisuun kee hin oolu;+ ijoolleen durbaa isaaniis waaqolii isaanii wajjin sagaagaluu fi ijoolleen dhiiraa kees waaqolii isaanii wajjin akka sagaagalan gochuun isaanii hin oolu.+
-
-
1 Mootota 11:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Haa taʼu malee, Solomoon Mootichi intala Faraʼoon+ malees, dubartoota biyya ormaa+ hedduu, jechuunis dubartoota biyya Moʼaab,+ biyya Amoon,+ biyya Edoom, biyya Siidoonii+ fi biyya Heet+ ni jaallate. 2 Isaan saboota Yihowaan, “Isaan waaqolii isaanii akka hordoftan garaa keessan waan jalʼisaniif, isin isaanii wajjin walitti hin makaminaa;* isaanis isinii wajjin walitti hin makamin”+ jedhee waaʼee isaanii Israaʼelotatti dubbate keessaa kan dhufan turan. Solomoon garuu isaanitti ni maxxane; isaan ni jaallates. 3 Inni haadhotii manaa giiftota taʼan 700 fi saajjatoota* 300 qaba ture; haadhotiin manaa isaas suutuma suuta garaa isaa Waaqayyo irraa ni jalʼisan.*
-