-
Abbootii Murtii 2:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Isaan garuu abbootii murtii sana illee dhagaʼuu didanii waaqolii kan biroo wajjin sagaagalummaa raawwatan; isaaniifis ni sagadan. Daandii abbootiin isaanii warri ajajawwan Yihowaatiif ajajaman+ irra adeemaa turan irraa dafanii jalʼatan. Isaan wanta abbootiin isaanii raawwatan hin raawwanne.
-
-
1 Mootota 11:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Isaan saboota Yihowaan, “Isaan waaqolii isaanii akka hordoftan garaa keessan waan jalʼisaniif, isin isaanii wajjin walitti hin makaminaa;* isaanis isinii wajjin walitti hin makamin”+ jedhee waaʼee isaanii Israaʼelotatti dubbate keessaa kan dhufan turan. Solomoon garuu isaanitti ni maxxane; isaan ni jaallates.
-
-
Nahimiyaa 13:26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Solomoon mootiin Israaʼel cubbuu kan hojjete sababii dubartoota kanaatiin hin turree? Saboota hedduu keessaa mootiin akka isaa hin turre;+ inni Waaqa isaa duratti jaallatamaa waan tureef,+ Waaqayyo guutummaa Israaʼel irratti mootii isa godhe. Haa taʼu malee, haadhotiin manaa isaa warri biyya ormaa inni illee cubbuu akka hojjetu godhaniiru.+
-