LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 7:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Sababiin isaas, isaan ilmaan kee ana duukaa buʼuu irraa goranii waaqolii kan biroo akka tajaajilan ni godhu;+ achiis dheekkamsi Yihowaa si irratti bobaʼa; innis hatattamaan haxaaʼee si balleessa.+

  • Keessa Deebii 31:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Kunoo, ati duʼuuf* jetta; sabni kun biyya dhaqaa jiru keessatti waaqolii ormaa warra naannoo isaatti argamanii wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuu ni jalqaba.+ Isaan na dhiisu,+ kakuu ani isaanii wajjin gales ni cabsu.+

  • Abbootii Murtii 2:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Isaan garuu abbootii murtii sana illee dhagaʼuu didanii waaqolii kan biroo wajjin sagaagalummaa raawwatan; isaaniifis ni sagadan. Daandii abbootiin isaanii warri ajajawwan Yihowaatiif ajajaman+ irra adeemaa turan irraa dafanii jalʼatan. Isaan wanta abbootiin isaanii raawwatan hin raawwanne.

  • Abbootii Murtii 8:33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Akkuma Giidewon duʼeenis Israaʼelonni deebiʼanii Baʼaalii+ wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa ni raawwatan; Baʼaal Beriitiin immoo waaqa isaanii godhanii muudan.+

  • 1 Mootota 11:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Isaan saboota Yihowaan, “Isaan waaqolii isaanii akka hordoftan garaa keessan waan jalʼisaniif, isin isaanii wajjin walitti hin makaminaa;* isaanis isinii wajjin walitti hin makamin”+ jedhee waaʼee isaanii Israaʼelotatti dubbate keessaa kan dhufan turan. Solomoon garuu isaanitti ni maxxane; isaan ni jaallates.

  • Nahimiyaa 13:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Solomoon mootiin Israaʼel cubbuu kan hojjete sababii dubartoota kanaatiin hin turree? Saboota hedduu keessaa mootiin akka isaa hin turre;+ inni Waaqa isaa duratti jaallatamaa waan tureef,+ Waaqayyo guutummaa Israaʼel irratti mootii isa godhe. Haa taʼu malee, haadhotiin manaa isaa warri biyya ormaa inni illee cubbuu akka hojjetu godhaniiru.+

  • Faarfannaa 106:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Achiis isaan waaqeffannaa Baʼaal+ isa Pheʼor irratti ni hirmaatan,*

      Aarsaawwan warra duʼaniif* dhihaatanis ni nyaatan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi