LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 11:1-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Haa taʼu malee, Solomoon Mootichi intala Faraʼoon+ malees, dubartoota biyya ormaa+ hedduu, jechuunis dubartoota biyya Moʼaab,+ biyya Amoon,+ biyya Edoom, biyya Siidoonii+ fi biyya Heet+ ni jaallate. 2 Isaan saboota Yihowaan, “Isaan waaqolii isaanii akka hordoftan garaa keessan waan jalʼisaniif, isin isaanii wajjin walitti hin makaminaa;* isaanis isinii wajjin walitti hin makamin”+ jedhee waaʼee isaanii Israaʼelotatti dubbate keessaa kan dhufan turan. Solomoon garuu isaanitti ni maxxane; isaan ni jaallates. 3 Inni haadhotii manaa giiftota taʼan 700 fi saajjatoota* 300 qaba ture; haadhotiin manaa isaas suutuma suuta garaa isaa Waaqayyo irraa ni jalʼisan.* 4 Solomoon bara dulluma+ isaatti haadhotiin manaa isaa waaqolii kan biroo duukaa akka buʼu garaa isaa ni jalʼisan;+ garaan isaas akka garaa abbaa isaa Daawit Waaqa isaa Yihowaa duratti guutuu* hin turre. 5 Solomoonis waaqayyittii Siidoonotaa kan taate Ashtooretii+ fi waaqa balfamaa Amoonotaa kan taʼe Milkoom+ duukaa ni buʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi