-
Keessa Deebii 7:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Gaaʼelaan isaanitti hin firoomin. Ijoollee durbaa kee ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kennin yookiin ijoollee durbaa isaanii ijoollee dhiiraa keetiif hin fudhatin.+ 4 Sababiin isaas, isaan ilmaan kee ana duukaa buʼuu irraa goranii waaqolii kan biroo akka tajaajilan ni godhu;+ achiis dheekkamsi Yihowaa si irratti bobaʼa; innis hatattamaan haxaaʼee si balleessa.+
-
-
Nahimiyaa 13:26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Solomoon mootiin Israaʼel cubbuu kan hojjete sababii dubartoota kanaatiin hin turree? Saboota hedduu keessaa mootiin akka isaa hin turre;+ inni Waaqa isaa duratti jaallatamaa waan tureef,+ Waaqayyo guutummaa Israaʼel irratti mootii isa godhe. Haa taʼu malee, haadhotiin manaa isaa warri biyya ormaa inni illee cubbuu akka hojjetu godhaniiru.+
-