-
Baʼuu 25:10-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Isaan muka laaftoo irraa taabota* dheerinni isaa dhundhuma* lamaa fi walakkaa, dalgi isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa, ol dheerinni isaas dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe ni tolchu.+ 11 Atis warqii qulqulluudhaan isa ni uwwista.+ Keessa isaa fi ala isaa ni uwwista; gara oliitiin qarqara isaatti naannessitee ittisa* warqii itti tolchita.+ 12 Warqii baqsitee amartiiwwan afur isaaf ni tolchita; achiis amartii lama gama tokkoon, amartii lama immoo gama kan biraatiin gootee miila isaa arfanii olitti ni maxxansita. 13 Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqiidhaan uwwisi.+ 14 Taaboticha ittiin baachuuf akka taʼutti, danqaraawwan kana amartiiwwan Taaboticha cinaatti argaman keessa ni loosta. 15 Danqaraawwan sun amartiiwwan Taabotichaa keessa taaʼuu qabu; achi keessaa baafamuu hin qaban.+
-