LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 37:1-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Achiis Bezaaliʼel+ muka laaftoo irraa Taabota+ ni tolche. Taabotichi dheerinni isaa dhundhuma* lamaa fi walakkaa, dalgi isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa, ol dheerinni isaas dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.+ 2 Innis warqii qulqulluudhaan keessa isaa fi ala isaa ni uwwise; gara oliitiin qarqara isaatti naannessee ittisa* warqii itti tolche.+ 3 Sana booda warqii baqsee amartiiwwan miila isaa arfanii olitti oolan afur isaaf ni tolche; amartii lama gama tokkoon, amartii lama immoo gama kan biraatiin ni godhe. 4 Achiis muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee warqiidhaan ni uwwise.+ 5 Taaboticha ittiin baachuuf akka taʼuttis, danqaraawwan kana amartiiwwan Taaboticha cinaatti argaman keessa ni loose.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi