-
Hojii Ergamootaa 7:30-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 “Waggaa 40 booda, maleekaan tokko lafa onaa naannoo Gaara Siinaa jirutti harangamaa bobaʼu tokko keessaa isatti mulʼate.+ 31 Museen yommuu kana argu, wanti inni arge baayʼee isa ajaaʼibsiise. Yommuu itti siqee caalaatti qorachuuf jedhu garuu, sagalee Yihowaa* akkana jedhu dhagaʼe: 32 ‘Ani Waaqa abbootii kee, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi.’+ Museen hollachuu waan jalqabeef, haala sana caalaatti qorachuuf hin onnanne. 33 Yihowaanis* akkana isaan jedhe: ‘Bakki ati dhaabbatte lafa qulqulluu waan taʼeef, kophee kee of irraa baasi. 34 Ani dhugumaan cunqursaa saba koo warra Gibxii keessa jiran irra gaʼu argeera; aaduu isaanii dhagaʼeera;+ isaan oolchuufis gad buʼeera. Egaa kottu, gara Gibxiitti sin erga.’
-