LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 3:2-10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Achiis maleekaan Yihowaa labooba ibiddaa harangamaa* tokko gidduu jiru keessaa isatti mulʼate.+ Innis xiyyeeffatee yommuu ilaalu, harangamaan sun bobaʼaa kan jiru taʼus, akka hin gubanne arge. 3 Kanaafuu Museen, “Mee wanti adda taʼe kun maal akka taʼee fi harangamaan sun maaliif akka hin gubanne itti siqeen qoradha” jedhe. 4 Yihowaanis Museen ilaaluuf itti siquu isaa yommuu argu harangamaa sana keessaa, “Musee! Musee!” jedhee isa waame; innis, “Kunoo, asan jira” jedhee deebise. 5 Achiis inni, “Kana caalaa as hin siqin. Bakki ati dhaabbatte lafa qulqulluu waan taʼeef kophee kee of irraa baasi” isaan jedhe.

      6 Itti dabaluudhaanis, “Ani Waaqa abbaa keetii, Waaqa Abrahaam,+ Waaqa Yisihaaqii+ fi Waaqa Yaaqoobi”+ isaan jedhe. Achiis Museen Waaqa dhugaa ilaaluu waan sodaateef, fuula isaa ni dhokse. 7 Yihowaanis itti dabaluudhaan akkana jedhe: “Ani dhugumaan rakkina saba koo warra Gibxii keessa jiranii argeera; warra dirqamaan isaan hojjechiisaniin kan kaʼe iyya isaan dhageessisan dhagaʼeera; miidhaa isaan irra gaʼaa jirus akka gaariitti nan beeka.+ 8 Ani harka warra Gibxii jalaa isaan oolchuuf,+ akkasumas biyya sana keessaa isaan baasee gara biyya gaarii fi balʼaa taatetti, gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti,+ naannoo Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yebuusotaatti isaan galchuuf gad nan buʼa.+ 9 Kunoo, iyyi saba Israaʼel ana bira gaʼeera; warri Gibxiis hammam gara jabinaan isaan cunqursaa akka jiran argeera.+ 10 Egaa kottu, gara Faraʼoonitti sin erga; atis Israaʼelota warra saba koo taʼan biyya Gibxii keessaa ni baasta.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi