-
Baʼuu 33:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Yihowaan ammas Museedhaan akkana jedhe: “Saba biyya Gibxiitii baastee wajjin asii deemiitii karaa kee itti fufi. Gara biyya ani Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif, ‘Sanyii keetiif isa nan kenna’ jechuudhaan kakadhe sanatti qajeelaa.+ 2 Ani maleekaa tokko si dura nan erga;+ Kanaʼaanota, Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota achi keessaa nan ariʼa.+
-
-
Nahimiyaa 9:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Ati Waaqa dhugaa kan taate Yihowaa dha; ati Abraamiin+ filattee Uur+ ishii biyya Kaladootaa keessaa isa baastee maqaa Abrahaam+ jedhu isaaf kenniteetta. 8 Garaan isaa si duratti amanamaa taʼuu isaa argitee,+ biyya Kanaʼaanotaa, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Yebuusotaa fi biyya Girgaashotaa isaaf, jechuunis sanyii isaatiif kennuuf isaa wajjin kakuu galteetta;+ ati qajeelaa waan taateefis waadaa galte eegdeetta.
-