-
Lakkoofsa 14:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Israaʼelonni hundis Musee fi Aaron irratti gungumuu jalqaban;+ guutummaan yaaʼichaas akkana jechuudhaan isaan mormee dubbate: “Maal taʼa, biyya Gibxii keessatti yookiin lafa onaa kana keessatti utuu duuneerra taʼee! 3 Goraadeedhaan akka dhumnuuf Yihowaan gara biyya kanaatti kan nu fide maaliifi?+ Haadhotiin manaa keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu.+ Gara biyya Gibxiitti utuu deebinee nuuf hin wayyuu?”+
-