LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 5:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Yeroo kanatti hojjechiistonni Israaʼelotaa ajaja, “Xuubii guyyaa guyyaadhaan isin irraa barbaadamu matumaa hirʼisuu hin qabdan” jedhuun kan kaʼe rakkina guddaa keessa akka galan ni hubatan.

  • Baʼuu 5:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Isaanis yeruma sana, “Isin Faraʼoonii fi tajaajiltoonni isaa akka nu tuffatan* waan gootaniif, akkasumas akka nu ajjeesaniif harka isaanii keessa goraadee waan keessaniif, Yihowaan isiniif haa ilaalu; murtiis haa kennu” isaaniin jedhan.+

  • Lakkoofsa 14:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Israaʼelonni hundis Musee fi Aaron irratti gungumuu jalqaban;+ guutummaan yaaʼichaas akkana jechuudhaan isaan mormee dubbate: “Maal taʼa, biyya Gibxii keessatti yookiin lafa onaa kana keessatti utuu duuneerra taʼee! 3 Goraadeedhaan akka dhumnuuf Yihowaan gara biyya kanaatti kan nu fide maaliifi?+ Haadhotiin manaa keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu.+ Gara biyya Gibxiitti utuu deebinee nuuf hin wayyuu?”+

  • Lakkoofsa 20:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Sabichi akkana jechuudhaan Musee lolaa ture:+ “Yeroo obboloonni keenya Yihowaa duratti duʼan sana nutis utuu duuneerra taʼee nuuf wayya ture!

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi